Ajjeechaan hidhattoota bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu daran hammaachuun lixa Shaggar ona Baakkoo Tibbeetti qeerroo Oromoo tokko ajjeesan.
ONM-ABO onko 26, 2022
Murni abdii kutate bilxiginnaan Oromiyaa dachee dhiigaa taasisuun godinaalee Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo Oromummaan yakkuun ajjeesu daran hammeessee jira. Onkoloolessa 24, 2022 lixa Shaggar ona Baakkoo Tibbee magalaa Baakkoo keessatti qeerroo Oromoo maqaan isaa Hundaa’ol Waaqumaa jedhamu waraannii faashistii Abiy Ahimad naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaattii himani jiru. Qeerroo Hundaa’ol Waaqumaa nama nagaa, hawwaasa fi hiriyoota isaa biratti jaalala guddaa qabu ta’uu jiraattoonni himuun murni Oromummaa balleessuuf bobba’e kun badii tokko malee lubbuu qeerroo ana obbaasan jechuun miiraa gaddaan guutamen dubbataniru. Abiy Ahimad mootota addunyaa kana irraatti lammii isaattii waraana bobbaase ajjeesisun cinatti haleellaa xiyyaara nama maleeyyii fayyadamuun boombi samii ummatatti roobsuun sanyii duguuggaa raawwacha jiru ta’uun sadarkaa duraa qabateera.
