• Tue. Nov 24th, 2026

Murni bilxiginnaa ajandaa adda addaa baasee uummata Oromoo burjaajessaa jiru godina Arsii Lixaatti hidhaa fi dorsiisa  cimse

Oct 26, 2022

Murni bilxiginnaa ajandaa adda addaa baasee uummata Oromoo burjaajessaa jiru godina Arsii Lixaatti hidhaa fi dorsiisa  cimse.
Onkoloolessa 23, 2022  godina Arsii lixa bulchinsaa magaalaa Shaashamannee keessatti kaabinootni  murna bilxiginnaa manneen jireenyaa fi  daldalaa irra deemuun maallaqa deggersa raayyaa impaayeera Itoophiyaa  jechuun qarshii humna olii jiraattoota fi daldaltoota gafataa jiru. Namoota maallaqa maqaa gargaarsaan funaanamu kana kan kennuu dide ni reebama akkasumas ni hidhama. Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 01keessa obbo Usiyyaa Hasan kan jedhaman abba ijoollee ja’aa fi nama siyaasa kam keessaayyuu  hin qabnee hojii akkasumas hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun ofii fi maatii isaanii jiraachisaan  Waraana Bilisummaa Oromootiin hidhatta qabda jechun baatii tokko dura  hidhanii buufata poolisii ganda 02tti rakkisa jirachu maddeen Arraata biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.  Kana malees   guyyaa dheengaddaa kana dargagoo Huseen jedhamuu jiraata magaalaa Shaashamannee ganda 01  kan ta’ee yeroo kadiroon fi poolisoonni murnichaa magaalaa keessa deemanii maallaqa deggersaa funaanan sababa isaa waan gaafateef qofa reebanii hidhuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply