• Sun. May 5th, 2024

Haleellaa Qilleensaa Ummata Fixuu Oromiyaa Keessatti Gaggeeffamaa Jiru Irratti (Ibsa ABO-WBO)

Oct 26, 2022

Haleellaa Qilleensaa Ummata Fixuu Oromiyaa Keessatti Gaggeeffamaa Jiru Irratti(Ibsa ABO-WBO)

Itoophiyaatti ajaja humna waraana lafoo irra guddaa isaa qondaalota waraana Ertiraatiif dabarsee kennuun Kiiloo-4 kan maandheffate murni Abiy Ahmad, yeroo ammaa kana humna qilleensaa harkaa qabu tokkittiitti fayyadamuun tarkaanfii duguuggaa sanyii Oromiyaatti eegale cimsee itti fufee jira.

Guyyoota muraasa darban keessatti qofaa ajjeechaan jumlaa diroonii fi meeshaalee humna qilleensaa birootti dhimma bahuudhaan lixaa fi giddu-galaa Oromiyaa onoota akka Nuunnuu Qumbaa, Waamaa Haagaloo, Meettaa, Cobii fi naannawa isaaniitti raawwatee jira. Yeroo ibsi kun bahutti walii-galaan lakkoofsi lammiilee ajjeefamanii dhibbootaan kan lakkaawwaman yeroo ta’u, halleellaa suukkanneessaan kunis manneen barnootaa fi bakkeewwan hawaasni itti walitti qabamanitti kan xiyyeeffate dha. Waraanni Bilisummaa Oromoos ragaa miidhamtootaa walitti qabee akkuma xumureen ibsa bal’aa ni dhiheessa.

Weerarri waraana Ertiraatiin kaaba biyyattiitti adeemsifamaa jiru kan hin fashallee fi kan of duuba hin deebine itti fakkaachuun kan machaa’e Abiy Ahmad, qalbii fi humna qabu maraan Oromiyaatti bobbaasuun jumlaan lammiilee fixuutti xiyyeeffate kunis abjuu inni ummata Oromoo jilbeeffachiisee bulchuuf qabu irraa kan madde dha. Dabalataan, waraanni Itoophiyaa, harcaatuun marsaa biroof gurmooftee hamma haleellaa biroo Oromiyaatti bantutti humni Shimallis Abdiisaa ijaare yakka ajjeechaa, miidhaa qaqqabsiisuu fi saamicha qabeenyaa raawwachuun kan itti fufu ta’uu akka tarsiimootti wiixinamee jiraachuu odeeffannoo qabatamaa argannee jirra.

Hawaasni addunyaas iitti gaafatamummaa lammilee nagaa eeguu fi humnoota yakka waraanaa akkasumas yakka namummaa irratti rawwatamuun himataman seeratti dhiyeessuuf itti kenname akka hin daganne yaadachiifna. Sochiin nama jajjabeessaan hammi tokko guyyoota dhihoo kana keessaa kan mula’achaa jiranis yoo ta’e, yakkoonni idil-addunyaa ittii gaafatamummaa malee rawwatamanii akka hin dagatamne gochuuf hojiin hojjetamuu qabu hedduun akka hafu ABO-WBOn ni dhaama.

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Onkololeessa 25, 2022

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading