WBOn Onoota sadii Lixa Oromiyaatti argaman to’annoo isaa jala oolche.
[SQ Onkoloolessa 31/2022]
Gootichi abdii saba Oromoo WBOn Zoonii dhihaa haleellaa guyyaa har’aa jechuunis Onkoloolessa 31, 2022 humnoota diinaa uummata nagaa galaafachaa jirtu irratti fudhateen, Onoota sadii Dhiha Oromiyaatti argaman keessaa qulqulleessee, lafaa fi nama Onoota kanneenii bilisoomsuu odeessi nu dhaqqabe ifa godha.
Hanga odeessi nu gahetti Onootni akka Mana Sibuu, Qilxu Kaarraa fi Lataa Sibuu jedhaman guutummaa guutuutti to’annoo WBO jala galuu fi magaalota heedduu dabalatee, gandoonni baay’eenis harka WBO jalatti kufuun beekameera.






