Haleellaa WBOn ona Mana Sibuu fi Lataa Sibuu irratti fudhatee waraana bilxiginnaa buqqiseen uummatni magaalaa Mandii fi Warra Jirruu daandiitti ba’uun gammachuu isaanii ibsachaa turan.
ONM – ABO – Sadaasa 1, 2022 Qaqqaaliiwwan Ilmaan Oromoo WBOn gabrummaa saba isaa irraa buqqisuuf guyyaa tokkoof boqonnaa kan hin fudhanne Onkololeessa 31, 2022 lixa Wallaggaa onoota sadii Qilxuu Kaarraa, Mana Sibuu fi Lataa Sibuu keessatti tarkaanfii boonsaa humna diinaa irratti fudhateen uummatni aanota kanneenii waraana WBO waliin falmachaa ture.
Haaluma kanaan tarkaanfiin ganama kaleessaa qabuun hanga waareetti tiksitoota sirna Minilik irratti fudhatameen wiirtuun dugda bilxiginnaa cituun magaalaan Mandii guutuutti dhuunfatameen booda Uummatni Oromoo magaalatti salphachuu waraana Abiy Ahimeditti gammaduun daandii gubbaatti ba’anii dhiichisaa fi harcaatota waraana bilxiginnaa WBOtti qabanii kennaa turan. Akkuma kana ona Lataa Sibuu, magaalaa Warra Jirruu kan Qilxuu Kaarraa fi Najjoo gidduutti argamtu keessattis tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhachuun diina uummata Oromoo dhiiga dhugaa fi foon isaa nyaatee lafee bineensaaf darbaa ture magaalattii keessaa du’aa fi madoon adabee buqqiseen booda hawaasni ba’uun gammachuu isaa dhiichisaa fi deggersa barbaachisaa WBOf gochuun dheebuu bilisummaaf qabu akkasumas jibbiinsa sirnichaaf qabu agarsiisaa turaniiru. Akka jiraattootni tokko tokko Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himanitti injifannoo argametti gammaduun waraanni bilisummaa Oromos daran jabaatee lafa qabachuu fi uummatni Oromoos wareegama bu’aa buusuu danda’u kafalee injifannoo WBO waliin milkeessuu qaba jechuun waan argameetti ijoollee isaanii galateeffataniiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoos ilmaan Oromoo Oromummaa qofaan yakkamanii waraana bilxiginnaan dararamaa turan hidhamtoota siyaasaa Oromoo 150 ta’an gadhiisiseera. Hanga gabaasni kun qindaa’etti murni bilxiginnaa magaalaa Mandii ganda 02 naannoo Oolankomee xiyyaara waraanaan haleelanis uummatni ona Mana Sibuu fi Lataa Sibuu gammachuu isaanii ibsachuuf daandii gubbaa irraa olii fi gadii deemaa, sirbaa, dhaadannoolee farra qabsoo Oromoo bilxiginnaan maxxanan buqqisaa, suuraa Abiy Ahimed fi Shimallis Abdiisaa gubaa akka turan jiraattootni aanota lameenii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
