Godina baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti waraanni bilxiginnaa hidhaa fi saamichaan jiraattoota dararuu hammeessan.
ONM – ABO – Sadaasa 1, 2022 Waraannii faashistii Abiy Ahimed maqaa sakatta’iinsa waraana bilisummaa Oromootiin Oromiyaa bakkoota hedduu keessa qubsiifaman jiraattota hidhuu, reebuu fi saamuun jirattotta darara jiru.
Onkoloolessa 22, 2022 godina baha Shaggar aanaa Fantaallee keessa kan qubsiifaman waraanni faashistii bilxiginnaa gandoota akka Haroo Qarsaa, Dhebiti, llaalaa, Xuxxuuxii, Turoobadannoota, Gidaara, Dirrasadeen fi Gaara Diima keessatti hiramuun buufatanii maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo qabuun mana hidhaatti guuruun gidirsaa jiru. Waraanni bilxiginnaa uummata Oromoof naatoo hin qabne kun mana jiraattotaa irra deemuun horii nuuf qala jedhaniibafaan qawween sodaachiisa oolu.
Tiksitootni barcuma Abiy Ahimed kun guyyaa qubsiifaman Onkoloolessa 22, 2022 irraa qabee hanga har’aatti ilmaan Oromoo dhibbootan lakkaa’aman jiruu isaanii mana hidhaa taasisuun cinaatti re’oota 32 jiraattoota jala dirqiin qalachuu jiraattoonni aanaa Fantaallee Arraata Biyyoolessaa Oromiyaattii himanii jiru.
