Lixa Shaggar aanaa Jalduutti hidhattoonni murna bilxiginnaa manguddoo tokko ajjeesan.
ONM – ABO – Sadaasa 1, 2022 Oromiyaa keessatti ilmi namaa hanga bineensaayyuu erga mirga dhabee addatti waggoota 4 lakkoofsiseera. Murni guyya guyyaatti ilmaan Oromoo qalaa jiru bilxiginnaan lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Sariitii Dhanquu jedhamutti guyyaa dheengaddaa jechuun Onkolooleessa 30, 2022 toora sa’a 9:00 irratti manguddoo loon isaa tikfatu obbo Dirribaa Caalaa jedhamu Waraanni Bilisummaa Oromoo eessa jira jedhanii wayita gaafatanitti manguddoon kunis ani Waraana Bilisummaa Oromoo hin argines lafa isaan jiranis hin beeku itti isin geessuu hin danda’u jedhe deebiseef.
Waraanni murna faashistii PP naasuu tokko lammiilee isaaniif hin qabne kun hin sobda, akkamitti hin beektu jechuun bakka inni loon isaa tikfatuu fudhanii deemuun iddoo addaa Digaluu jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan. Obbo Dirribaan abbaa ijoollee yoo ta’u manguddoo araaraa fi nama ollaa isaa biratti kabajaa guddaa qabuudha jechuun jiraattootni nama kana dhabuutti gadduu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
