Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti waraanni murna bilxiginnaa Dargaggoo tokko akkasumas lixa Shaggar aanaa Amboo keessattis nama tokko ajjeesan.
ONM – ABO – Sadaasa 1, 2022 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Tulluu Milkii jedhamu keessatti gaafa Onkoloolessa 30, 2022 dargaggoo Darajjee Nugusee sababa tokko malee waraanni sirnichaa Oromummaa isaan yakkuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru. Dargaggoo Darajjeen nama siyaasaa kam keessayyuu harka hin qabnee fi hojii mataa isaa hojjachuun jiraatuudha.
Lixa shagar aanaa Amboo ganda Kisoosee keessatti Onkoloolessa 24, 2022 obboo Caaluu Tashooma kan jedhamu abbaa daa’imaa afurii kan ta’ee badii tokko malee maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertaa fi ni nyaachista jedhuun rasaasa itti roobsuun ajjeessanii jiru. Obbo Caaluu Tashooma irratti ajjeechaa raawwataniin cinaatti bilbilaa harkaa tokko fi qarshii 40,000 akka saamanis jiraattootni Arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru. Murni faashistii PP ilmaan Oromoo badii isaan hin hojjenneen yakkuun guyyaa guyyaatti irbaata rasaasaa gochaa waan jiruuf tokkummaan saba keenyaa yeroo kanatti barbaachisaa dha kan jedhan jiraattoota Arraata Biyyoolessaa Oromiyaaf yaada kennaniidha.
