• Sun. Mar 29th, 2026

ONM-ABO Sadaasa 1, 2022 Dhaggeeffattoota keenya kabajamoo Raadiyoon Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa karaa Danbalii gabaabaan torbanitti guyyoota shan (5) darbu har’aa fi kaleessaa tamsaasa dhaabee jira

Nov 1, 2022

ONM-ABO Sadaasa 1, 2022 Dhaggeeffattoota keenya kabajamoo Raadiyoon Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa karaa Danbalii gabaabaan torbanitti guyyoota shan (5) darbu har’aa fi kaleessaa tamsaasa dhaabee jira.

Rakkoo kana dhaabbata nuuf kireessanitti gabaasa goonee akka sirreessan nuuf himaniiru. Haa ta’u malee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa qawwaa odeeffannoo uummata Oromoo gama baadiyaan jiru guutuuf cimee hojjechaa waan tureef addaan cituu isaatti gadda itti dhagaa’amu ibsa.

Rakkoon kun rakkoo teekinikaa dhaabbatichaa akka ta’ee fi dhiibbaa murna bilxiginnaa ta’uu adda baasuun tarkaanfii gama keenyaan fudhannee uummata keenya odeeffannoo wayitaa fi amanamaan bira geenyu biroo tolfachuun wal ni beeksisna.

Hanga sanatti toora Facebook, satellite FNN, YouTube fi Telegram irratti ni argamna.

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa #sagalee Cunqurfamoota

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading