Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo WBOn lixa Wallaaggaa magaalaa Najjoo keessatti waraana bilxiginnaa haleelaa jira.
ONM-ABO Sadaasa 2, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii Oromiyaa keessaa ergamtoota Nafxanyaa Abiy Ahimediin bobbaafaman haxaa’ee balleessuu eegale itti fufuun ganama kanaa kaasee waraana bilxiginnaa mooraa magaalaa Najjoo haleelaa jira.
Tarkaanfii ganama Sadaasa 2, 2022 mooraawwan waraana faashistii PP magaalaa Najjoo keessatti argaman cufa irratti eegaleen hanga gabaasni kun qindaa’etti mooraan naannoo kuusaa boba’aa Obbo Waaqwayyaa bira jiru keessaa buqqisuun magaalaa keessatti naannisee rasaasaan akaa’ee baarudaan macheesssaa jira.
Gaaddisni sabaa WBOn mooraa jalqabaa keessaa erga buqqiseen booda du’aa irraa fi mana kuusaa isaanii keessaa meeshaalee waraanaa dhuunfachuun madoo isaanii duubatti baasuun yaalaafii jira.
Kana malees lola dheengadda Onkololeessa 31,2022 eegaleen waraanni diinaa ona Baabboo Gambeelii fi Warra Jaarsoo turan guutuutti ba’uun aanotni lamaan kun bilisa yoo ba’an ganama aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Dongooroo keessaa waraanni guyyaan itti dukkanaa’e, tiksitootni barcuma Abiy Ahimed baqatanii ba’aniiru.
Sodaa hamaa keessa kan gale waraanni murna bilxiginnaa magaalaa Innaangoo keessaa maallaqa baankii saamuun fe’atanii mooraatti kan galfatan yoo ta’u, magaalaa Gimbii keessa raafamni hamaan jiraachuun barameera.
Mooraa bilxiginnaa aanaa Gimbii ganda Guhii Maariyaamii keessaas baqatanii magaalaa Gimbiitti galanii jiru.
Walumaagalatti godina Lixa Wallaggaa keessaa aanotni 7 Begii, Qondaala, Jaarsoo, Baabboo Gambeel, Lataa Sibuu, Qilxuu Kaarraa fi Mana Sibuun guutuutti to’annoo waraana bilisummaa Oromoo jala galuun barameera.
Guutuu injifannoo WBO magaalaa Najjoon walitti deebina.
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, sagalee Cunqurfamootaa hordofaa!
Injifannoon Uummata Oromoof !
