• Fri. Mar 13th, 2026

Haleellaa xiyyaara waraanaa murni bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii irratti raawwateen namoonni 37 du’uun 50 ol madaa’an

Nov 3, 2022

Haleellaa xiyyaara waraanaa murni bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii irratti raawwateen namoonni 37 du’uun 50 ol madaa’an.

ONM-ABO Sadaasa 3, 2022 Murni abdii kutataan bilxiginnaa tarkaanfii impaayerattii keessatti waraanni bilisummaa Oromoo waraana isaa irratti fudhatu dadhabee duubatti dheessuun xiyyaara waraanaa nama maleeyyiin uummata nagaa haleeluun ajjeessaa jira.

Murni faashistii Abiy Ahimed kaleessa Sadaasa 2, 2022 waaree booda toora sa’a 8:00 fi 9:00 gidduutti haleellaa xiyyaara waraanaa godina lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaa ganda 01 naannoo Baankii Daldala Itoophiyaatti uummata nagaa daandii gubbaa irratti ba’ee taatee magaalattii keessatti raawwate daawwachaa turee fi gara qe’ee isaaniitti galaa turan irratti raawwateen hanga ammaatti namootni nagaan 37 du’uun 50 ol madaa’aniiru.

Namootni haleellaa xiyyaaraa kanan ajjeefaman kun sababa gubataniif eenyummaan isaaniillee adda baasuuf namootni rakkachaa akka turanii fi reeffa baay’ee waldaa amantaa kiristaanaa akkasumas kanneen eenyummaan isaanii barame maatiif hawaasni naannoo kennaa turuu jiraattootni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattootni kun jedhanitti miidhaan qaqqabe guddaa ta’uu isaa irraan kan ka’e magaalattiin gudda ulfaataa uffattee jiraachuu ibsuun hawaasni gadi ba’ee wal awwaaluu fi du’aa ga’ii walii hirmaachuu sodaatanii mana keessa dhokatanii jiraachuu himan.

Sababa ammas murni nama nyaataan kun deebi’ee haleellaa kana raawwata jedhuun sochiin hawaasaa kan hin jirre ta’uu kan ibsan jiraattootni , murna bilxiginnaa badii tokko malee hawaasa nagaa xiyyaara waraanaan haleelee ajjeesaa jiru balaaleffataniiru.

Akka kanaanis mootummaan ajjeesan ilmaan Oromoo rasaasa bira darbee xiyyaaraan jumlaan fixaa jiru mootummaa keenya miti, tokkummaan falmannee ofirraa darbuu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading