• Fri. Nov 27th, 2026

Murni bilxiginnaa biyya Oromiyaa diiguun bakka ja’atti qoodani bulchuuf kaadiroota muduun cinaatti koree garee lama qabu ijaaruun qabsoo bilisummaa Oromoo laamsheessuuf karoorfachuun saaxilame

Nov 4, 2022

Murni bilxiginnaa biyya Oromiyaa diiguun bakka ja’atti qoodani bulchuuf kaadiroota muduun cinaatti koree garee lama qabu ijaaruun qabsoo bilisummaa Oromoo laamsheessuuf karoorfachuun saaxilame.

ONM-ABO sadaasa 4, 2022 Abiy Ahimed qabsoo WBOn bilisummaa saba Oroomo fi abba biyyumma Oromiyaa mirkaneessuuf geggeessaa jiru balleessuuf yeroo garaagaratti karoora baasuun dabballoota , qondaalota waraanaa isaaf amanamoo ta’an muduun goleele Oromiyaatti bobbaasee qabsoo bilisummaa Oromoo jabina fi dandeettii WBO tiin geggeeffamaa jiru dadhabsiisuuf yaalus, inumaayyuu qabsichi daran ititee aggammii diinota dandamachuun impaayerattii fi teessuuma aangoo bilxiginnaatti yaaddoo ta’eera. Murni dheebuu aangoo qabu kun ammas qabsoo Oromoo dhabamsiisuun Oromiyaa bakkoota ja’atti qoodanii bulchuuf namoota sadoo dhuunfaa isaaniin sossobamanii kaleessa qabsoo bilisummaa Oroomo ABOn durfamu bilxiginnattii gurguratanii fi OPDO gameessa mudanii bobbaasuuf karoorfatanii jiru.

Akka maddeen keenyaa amanamoon jedhanitti, Naannoo Wallaggaa kan bulchan obboo Qajeelaa Mardaasaa, Naannoo Jimmaa ,Buunnoo Beddellee fi Iluu Abbaa Booraa kan bulchan Obbo Ibsaa Nagawoo, Naannoo Shawaa ( lafa Tuulamaa ) kan bulchan Obbo Araarsoo Mardaasa, Naannoo Arsii fi Baalee kan bulchan Obbo Abba Duulaa Gammadaa, Naannoo Harargee kan bulchan Obbo Araarsoo Biqilaa, Naannoo Gujii fi Booranaa kan bulchan Obbo Biraanuu Juulaa muduun Oromiyaa qoodanii qabsoo Oromoo dadhabsiisuf qophiitti jiru.

Karoora kana milkeessuuf murni bilxiginnaa koree garee lama kan maqaa Koree Nagaa fi Koree Abbootii Gadaa jedhuun kan ijaaranii jiran ta’uus odeessi mana bilxiginnaati ba’e ni ibsa. Koree Nagaa jechuun kan hundeeffaman dura taa’aan obbo Leencoo Lataa, barreessaan Jawaar Mohaammad fi miseensota sadii kan maqaan isaanii, Girmaa Birruu, Abbaa Duulaa Gammadaa fi Diimaa Nagaa’oo akka ta’es ifoomeera. Koreen maqaa abbootii Gadaatiin qophaa’e ammoo dura taa’aan , abbaa gadaa Gobaanaa Hoolaa, Barreeesssaan Diimaa Nagaa’oo fi miseensota Abbootii Gadaa bilxiggainnaan bixxilte hedduu akka hammatus karoorri isaan baasanii jiran ni ibsa. Murni bilxiginnaa gadaa aangoo ishee dheereffachuuf namoota qabsoo saba Oromoo gananii fi sadoo akkasumas bolola aangoo qaban Ummata Oromootti bobbaasani burjaajii uumuuf qophaa’ani waan jiranif ummatni Oromoo tokkumman dura dhaqbbachuu fi moora qabsoo isaati jabeessuu akka qaban dhaammanna .

Leave a Reply