• Thu. Nov 26th, 2026

Waliigalteen Araaraa dheengadda TPLF fi Bilxiginnaa gidduutti geggeeffamus haleellaan xiyyaaraa hin dhaabbanne

Nov 4, 2022

Waliigalteen Araaraa dheengadda TPLF fi Bilxiginnaa gidduutti geggeeffamus haleellaan xiyyaaraa hin dhaabbanne.

ONM-ABO sadaasa 4, 2022 Maree guyyaa 10 guutuu hoggansa Gamtaa Afrikaa fi deggersa Ameerikaan Afrikaa kibbaa magaalaa Piritooriyaatti geggeeffamuun dheengadda Sadaasa 2, 2022 waliigaltee dhukaasa dhaabuu, gargaarsa namoomaa daangaa malee kennuu fi kanneen biroo hedduu kaasuun walii galtee irra ga’uun TPLF fi bilxiginnaan waliif mallatteessaniiru. Haa ta’u malee mallattoo hoggantootni jila lamaanii ambaasaaddar Reeduwaan Huseenii fi obbo Geetaachoo Raddaa TPLF irraa mallatteessan osoo oolee hin bulin kaleessa Sadaasa 3, 2022 xiyyaarri waraana bilxiginnaa magaalota Tigraay kanneen akka Addigiraat, Maayichawu fi Inxaccoo haleelaa ooleera. Qawwee callisiisuu kan jedhu qaama walgaltichaa keessaa ijoo ta’uus waanti Tigraay keessatti kaleessa mul’achaa oole garuu faallaa isaa ti. Waliigalteen dhaabbilee fi biyyoota baay’een impaayerattii keessatti nagaa ni fida jedhamee fi koloneel Abiy Ahimediin injifannoo arganne jedhamee labsame, kan Eertiraan Itoophiyaa seentee Tigraayiin haleeluun ishee keessatti hin tuqamne kun osoo magaalaa Afrikaa kibbaa Piritooriyaa dha hin ka’in kufe kanneen jedhan hedduu dha. Barii nagaan eegamutti haleellaan xiyyaaraa lammiilee nagaa irratti geggeeffamuu fi hojiirra oolmaan waliigaltee sanaa dhugaan hojii irra ooluun wal qabatee qormaatawwan hedduu qabaachuu xinxaltootni siyaasaa ni kaasu.

Leave a Reply