Aanota Lixa Oromiyaa keessaa WBOn guutuutti dhuunfatamanii jiran.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana bilxiginnaa irratti fudhachaa jiruun mooraa waraana bilxiginnaa aanota keessaa buqqisee ari’uun aanicha dhuunfachaa jira.
Akka kanaanis tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Onkololeessa 14, 2022 irraa qabuun godina lixa Wallaggaa aanota garaagaraa irratti fudhachuun aanota keessa humnoota faashistii koloneel Abiy Ahimed buqqiseen hanga gabaasni kun qindaa’etti aanotni 10 guutuutti harka WBO seenanii jiraachuun ajajaan WBOn beeksiseera.
Aanotni lixa Wallaggaa harka Waraana Bilisummaa Oromootti galanii jiran:
- Begii
- Qondaala
- Mana Sibuu
- Lataa Sibuu
- Qilxuu Kaarraa
- Jaarsoo
- Baabboo Gambeel
- Boojjii Birmajjii
- Haaruu
- Hoomaa ta’uun barameera.
Aanota 10 kana malee magaalotni fi gandoonni aanota godina lixa Wallaggaa biroonis harka waraana bilisummaa Oromoo jiraachuun ni beekama.
Tarkaanfii laalessaa gootichi fudhateen baha Wallaggaa keessaas aanaan lama Haroo Limmuu fi Limmuu Galiilaan guutuutti dhuunfatamee hanga amma harka WBO jira.
Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhatu itti fufuun har’a lolli jabaan bulchiinsa magaalaa Najjoo fi gandaa Oromiyaa karaa Mana Sibuu fi mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz Baambaasii gidduutti geggeeffamaa jira.
Guutuu gabaasa tarkaanfii kanaa akkaataa odeessa arganneen isin biraan geenya.
Odeessa qulqulluu fi wayitaa argachuuf Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa hordofaa!
Injifannoon Uummata Oromoof !
