WBOn zoonii bahaa fi kibba bahaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Hambaan gooticha Elemoo Qilxuu WBOn zoonii bahaa godina Baha Harargee aanàa Kurfaa Callee fi Daawwee jiddutti lola kaleessa Sadaasa 4, 2022 ganama irraa hanga halkan sa’a 3:00tti geggeesseen humna addaa Oromiyaa warra ofiin jedhu, milishootaa fi poolisoota idilee irratti tarkaanfii akkaan jabaa gootichi Waraana bilisummaa Oromoo WBOn zoonii bahaa fudhateen humna diinaa kana irraa 25 ajjeesee 44 madeesseera.
Waraanni faashistii Abiy Ahimed kun madoo fi reeffa isaanii gara magaalaa Dirree Dhawaatti guurratanii jiru.
Warannii Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii gandaa Shophaa Bultum iddoo adda Barruu jedhamutti Onkoloolessa 31, 2022 Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Buttaan Heeban Arsii ergamtoota diinaa waraana maafiyaa PP maqaa sakataa WBOn bobba’an haxxee ittii hidhuun waaree booda sa’a 9:50 irratti bakakkaa itti buusee 6 ajeesse 15 madoo taasisuun injifannoon goolabee jira.
Haleellaa kana haaloo ba’uuf aanaa Heeban Arsii ganda Shophaa Bultum keessatti mana uummata nagaa 7 gubanii jiru.
Bilisummaa dhugaan afaan qawwee jira.
Injifannoon uummata Oromoof.
