• Wed. Nov 25th, 2026

Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo tarkaanfii bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti fudhachaa jiruun hidhamtoota siyaasaa 120 ol gadhiisise

Nov 6, 2022

Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo tarkaanfii bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti fudhachaa jiruun hidhamtoota siyaasaa 120 ol gadhiisise.

ONM-ABO Sadaasa 6, 2022 Urjiiwwan ilmaan sabaa, diigdotni tulluu gabrummaa Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalesssaa ganama har’aa Sadaasa 6, 2022 lixa Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee irratti fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Injifannoo cululuqaa irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti tarkaanfii fudhachuun argate keessaa tokko hidhamtoota siyaasaa badii tokko malee qabamanii hidhaman irree nama nyaataa waraana koloneel Abiy Ahimed jalaa gadhiisisee dha.

Akka kanaanis hidhamtoota siyaasaa Oromoo Oromummaa isaaniif yakkamanii badii tokko malee buufata poolisii ganda 04, 05 akkasumas mana hidhaa fi dararaa guddaa kan Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti argamu keessaatti hidhamanii hiraarfamaa turan walumaagalatti ilmaan Oromoo 120 ol gadhiisiseera.

Manneen hidhaa magaalaa Naqamtee keessatti argaman kan ilmaan Oromoo lixa Oromiyaa fi Lixa Shaggar irraa ukkamfamuun keessatti dararaa arganii fi halkan gadi baafamuun ajjeefaman yoo ta’u torbee lamaa duran hidhamtootni siyaasaa Oromoo 14 mana hidhaa Kumsaa Morodaa cabsanii ba’uu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply