• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Oromiyaa bulchinsa magaalaa Naqamtee keessatti murni abbaa irree Abiy Ahimed ilmaan Oromoo 4 bulchiinsa magaalaa Najjoo keessatti daa’ima 1 rasaasaan rukuchuun ajjeesan.

Nov 7, 2022

Lixa Oromiyaa bulchinsa magaalaa Naqamtee keessatti murni abbaa irree Abiy Ahimed ilmaan Oromoo 4 bulchiinsa magaalaa Najjoo keessatti daa’ima 1 rasaasaan rukuchuun ajjeesan.

ONM – ABO – Sadaasa 7, 2022 Duguggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti murna bilxiginnaan geggeeffamu itti fufuun waraanni faashistii Abiy Ahimed namoota nagaa meesha maleeyyii sababuma lolli naannoo isaaniitti taasifame qofaaf rasaasaan rukuchuun ajjeesaa jira. Kaleessaa Sadaasa 6, 2022 lixa Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti namoota nagaa dargaggoota 4 waraa

nni faashistii Abiy Ahimed rasaasaan rukuchuun ajjeesanii jiru. Dargaggoonni ajjeefaman kunis Daani’eel Dhugaasaa, Iyoob Alamayyoo fi Feenet Alamayyoo obboleewwan lamaan akkasumas namni tokko kan maqaan nu hin qaqqabin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru. Godina Wallaga lixaa magaalaa Najjoo keessattis guyyaa dheengadda jechuun sadaasa 5, 2022 daa’ima umriin ishee ganna 15 hin guunne maqaan ishee Koortuu jedhamtu waraanni faashistii PP ol adeemtu kana badii tokko malee galaafachuu maddeen ibsaniiru.

Leave a Reply