• Wed. Nov 25th, 2026

Lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo dhuunfatee jirutti seera dhablummaan akka hin dagaagneef WBO daangaa sochii kaa’e

Nov 8, 2022

Lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo dhuunfatee jirutti seera dhablummaan akka hin dagaagneef WBO daangaa sochii kaa’e.

ONM – ABO – Sadaasa 8, 2022 Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo tarkaanfii laalesssaa waraana weerartuu faashistiicha Abiy Ahimed irratti bifa haaraa fi qindaa’aan Onkololeessa 14, 2022 qabuun fudhachuu eegaleen aanota akkasumas bulchiinsa magaalotaa keessaa buqqisuun to’annoo isaa jala galchee jira. Haa ta’u malee bakka irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii jabaa waraana diinaa irratti fudhachuun to’atee haleellaa aanota biroof dirqama itti aanuuf dhiisee deemu keessatti sirna dhablummaan tokko tokko mul’achaa akka jiru komee hawaasni kaasaa jiru irraa hoggansi Waraana Bilisummaa Oromoo dhaga’aa jira. WBO’n hawaasa Oromoo irraa roorroo fi seera dhablummaa hundeen buqqisuuf lubbuu qaalii laachaa jiraachuu kan ibsan ajajaan WBO, uummata keenya nagaa fi bilisummaa gonfachiisuuf aarsaa kafalaafii jirru kana irratti yakki tokko akka inni dalagamu hin feenu jechuun yaada isaanii dabalanii kaasaniiru. Yakkoota hawaasni Oromoo lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo diina buqqise keessaa himachaa jiru kana kanneen raawwatan namoota maqaa WBO jala da’atanii socho’an malee WBO’n gochoota badii akkasii hin raawwatus jedhan. Kana irraa ka’uun yakkaa fi yakkamtoota hawaasa irraa ittisuuf gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lafa to’atee jirutti uggura sochii galgala sa’a 1:00 hanga barii sa’a 12:00tti ka’ee jira. Uggura kaa’ame kana keessatti dhukkubsattoota , dubartoota ulfaa, dhimmoota hawaasummaa addaa, balaa tasaa fi wantoota dirqama karaatti nama baasaniin alatti namni kamiyyuu daandii gubbaatti akka hin baane gad jabeessee hogganni WBO ni hubachiisa.

Leave a Reply