Godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti hidhaa fi reebichi jiraattoota
irratti guyyaa gara guyyaatti dabalaa deemuun jiraattootni yaaddoo keessa jiraachuu himan.
ONM – ABO – Sadaasa 8, 2022 Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti mirga erga dhabanii jaarraa tokko ol yoo lakkoofsiseyyuu erga Abiy Ahimed aangootti dhufee kaasee garuu ilmaan Oromootti kan yeroo kamuu caalaa miidhaan irra ga’u hammaatee jira. Baatii tokkoo oliif waraanni murna bilxiginnaa fi kaabinoonni sirnichaa gara godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Aanoolee jedhamutti deddeebi’uun namoota hedduu hidhaa fi qabeenya isaanii saamaa turan. Gocha isaanii kana itti fufuun gaafa sadaasa 3, 2022 waraanni sirnichaa gara ganda Aanoolee kanatti bobbaa’an sobaan namoota hedduu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhu itti maxxansuun hidhaa fi reebicha hamaa irratti geggeessanii jiru. Namoonni haala kanaan hidhamanii jiran kunis Siraaj Fayyoo, Gabuu Hajii Muktar Sulxaan ,Shaashoo Gurraachoo, Jamaal fi Adam Boobee kanneen jedhaman yoo ta’u namoonni maqaan nu hin ga’in jiraachuu fi namoonni hidhamanii jiran kunis baayinni isaanii 20 ol ta’u jechuun yaada kan nuuf kennan jiraattota. Kana malees namoota hedduu gandoota aanichaa cufa irraa hidhuun alattis saamicha maallaqaa fi qabeenya namootaas geggeessaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
