• Tue. Dec 2nd, 2025

Oromoonni Amerikaa kan Washington DC jiraatan dhumaatii Jumlaa Oromiyaa keessatti Ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf sirna dungoo ibsuu raawwatan

Nov 12, 2022

Oromoonni Amerikaa kan Washington DC jiraatan dhumaatii Jumlaa Oromiyaa keessatti Ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf sirna dungoo ibsuu raawwatan.

(SQ-Sadaasa 12, 2022)

Mootummaan Abbaa Irree Oromoo gargar qooduun akka waan kaaniif jaalala qabuutti, qe’ee isa tokkoo gaddaan macheessuun Ijoolleen Ol-adeemtuu haga jaarsaa fi jaartiittu duguuginsa sanyii Oromoo irratti qe’een Oromoo qe’ee gaddaa ta’eera.

Humna Faashistummaa isaas dabaluun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo” qulqulleessuu jedhuun lola lafoon kan of ijibbaate Sirni Abbaa Irree Abiy Ahimed aleellaa Drone tiin Ilmaan Oromoo goleewwan Garaa garaa keessatti du’a hin malleef akka saaxilaman taasisaa jira.

Dhumaatii Jumlaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru kanaaf gadda isaanii ibsuuf Sirna Dungoo ibsuu kan geggeessan dhalattoonni Oromoo Amerikaa “Abbaan Irree waan lafoon kan yaalee dadhabe aleellaa Dronetiin Uummata Meesha maleessa nu duraa obbaasaa jira, kunis tooftaa Oromoo gartokko sosdobanii gar biraa dadhabsiisan, boodarra waliin ga’sniidha. Kanas Oromoon keessaaf alaa itti dammaqee shiraa fi duguuginsa Sanyii kana Ija Hawaasaa addunyaatti mul’isuu qabas” jechuun dhaammatani.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading