• Sat. Mar 14th, 2026

Waamicha Dungoo Ibsuu Taasisuu
(Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Nov 12, 2022

Waamicha Dungoo Ibsuu Taasisuu
(Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Qabsoon Abbaa Biyyummaa Oromoo dafqa, dhiiga, lafee fi lubbuu ilmaan Oromoo hundaatiin, sadarkaa itti Oromiyaaf abdii, diinaaf yaaddoo fi ajandaa Addunyaa ta’uurra gahee jira. Haa ta’u malee, yeroon amma keessa jirru, yeroo itti bari’uuf dukkanni hammaate, dhalachuuf ciniinsuun jabaatee jiru, yeroo itti diinni badiisa of oolchuuf Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf lafoo fi qilleensarraan duula taasisaa jirudha.

Sirnoota garboomfataa duraan turanirra Oromoo burjaajessuu fi tekiniloojiitti dhimma bahuun sirni hammeenyaan dorgomaa hin qabne sirni Abiy Ahmed, akkuma Hoogganoota ABO Asmaraatti bara 2018 gowwoomsee booji’uun harka galfate, kuun hidhee dararaa, kuun ammoo faayidaan hidhee itti fayyadamuun burjaajii guddaa uume. Gama biraatiin ammoo, haleellaa xiyyaaraa Oromiyaa bakkoota hedduu Lixa Shaggar Cobii, Meettaa Wal-qixxee, Gindabarat, Kaaba Shaggar, Baha Shaggar, Baha Wallaggaa, Lixa Wallagga irratti taasisuun lubbuu Uummata nagaa dhibbootaan lakkaa’aman balleessuun ifatti diinummaa isaa ofitti raga bahee jira.

Abbaan Qabsoo Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo, Uummanni Oromoos, ilmaan isaa WBO waliin ta’uun yeroon itti dammaqanii wareegama barbaachisu WBO waliin kaffalaa jiran kan seenaa keessatti takkaa argamee hin beeknedha. Duula bobbaa (operation) ABO-WBOn taasisaa jiru kana faana Qeerroon Bilisummaa Oromoos duula Labsii Ugguraa labsuun isaa ni yaadatama.

Yeroo ammaa ammoo bifa adda ta’een, haleellaan qilleensaa, bakkoota gabaa, mana Barnoota fi tajaajiloota hawaasummaa irratti xiyyeeffate, Tarsiimoo “Qurxummii dhabamsiisuuf, Galaana gogsuudha” jedhuun Lammiilee Oromiyaa guutummaatti dhabamsiisuu ykn abdii kutachiisuuf kaayyeffatamee daran geggeeffamaa jira.

Kana waan ta’eef waamicha “Dungoo Ibsuu Biyyaalessaa” (National Candlelight Vigil) gaafa Guyyaa 13, 2022 Oromoon martuu akka taasisuuf, Uummata Oromoo, Lammiilee Oromiyaa fi Oromiyaanota Biyyoota Addunyaa irra jiran maraaf Waamicha Oromummaa taasifneerra. Kaayyoon Dungoo Ibsu kun;

1. Wareegamtoota Sirna Abiy keessatti bifa Sukkanneessaatiin wareegaman, addumatti Uummata Nagaa haleellaa Dirooniitiin galaafatamaa Ibsaa nuuf ta’anii darbaniif yaadannoo taasisuu.

2. Mormii waliigalaa ibsachuun haleellaa xiyyaaraa fi lafootiin Sirni Garboomfataa raawwatu irratti taasisuu. Sirni Dungoo Ibsuu kun bifa walfakkaataa ta’een Dhaamsa akka dabarsuuf qindoominaan geggeessinee
ija addunyaa qaqqabsiisuun akka dandaa’amuttis ta’uu qaba. Barreeffamoota diddaa walfakkaatoo, uffannaa walfakkaatoo fi bakkoota danda’ametti hiriira bahuun Dungoo Ibsuun Wareegamtoota keenya yaadachaa, Garbummaa guyyumaan uummata keenya nyaatu kanatti xumura goonee Ibsaa Walabumma Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo qabsiisuuf Diddaa Garbummaa haa ibsannu.

Dungoon namaaf iftee ofii dhumti. Warra Dungoo Bilisummaa nuuf ibsanii ofii wareegamaniif kabaja kennuu kan dandeenyu, Ibsaa isaan nuuf qabsiisan kana akka hin dhaamne yoo tikfanne qofa. Ifti sun Oromiyaa dha.

Sirni Dungoo Ibsuu kunis, Ifti Wareegamtooti keenya qabsiisan Oromiyaan akka hin dhaamneef tiksuuf waadaa galuu fi oolmaa isaanii yaadachuu ofitti hammata.

Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 13, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading