Akkamiin asheeta nyaatu,
Waadanii fellatan malee,
Akkamiin Gabrummaa diigu,
Hidhannoon falmatan malee!
Biyya dhaban Hunda dhabu,
Maaltu jira Biyyaan ala?
Biyya qaban Hunda qabu
Waan hundi Biyya ofiin tola!
Akkam jirta yaa Lammii koo
Lammii qananii Biyya Abbaa ofii,
Jabaatte Ijoolleen kee kunoo
Diina buqqaasaa dhufuufi!
Gadaan miilanaa milkuudha
Diinatti bitaa galeera,
Lolaa dhufan jarri keenya
Biyyi kan Abbaa ta’eera!
Garbummaan safara qaba
Kan Absiiniyaa wallaalle,
Biyya Abbaa keenya irratti
Ormi nurra garagale.
Seenaa ta’ee darbuuf egaa
Rakkoof gidiraan Garbummaa,
Oromiyaan oljetti egaa
Kunoo dhufe Walabummaa
Ni dhuunfanna Biyya keenya
Kabajanne, Abbaa Biyyumaa!
Walqixxummaan Biyya booda,
Biyyatu wal nu qixxeessa,
Biyya’n qabneen namaan gadi
Waan hundatu Biyya keessa.
Biyya guddoo qananii koo
Oromiyaa Biyya Abbaa koo
“Biyya ormi ittiin koortu
Biyya Lammiin ittiif boochu”
Hin jedhamtu kana booda
Ilmaan keetu sirraa bareeda!
Barataa “Biyya Oromiyaa”-Asallaa
(Sodaa nageenyaaf Maqaa jijjiirrame)
