• Wed. Nov 25th, 2026

Dargaggoonni Yakka tokko Malee, Mana Hidhaa Impaayera Itoophiyaa Keessaatti Dararamaa Turan Mana hidhaa baafamanii Ajjeefaman Oduun jedhuu irra deddebi’ee Dubbatama jira

Nov 14, 2022

Dargaggoonni Yakka tokko Malee, Mana Hidhaa Impaayera Itoophiyaa Keessaatti Dararamaa Turan Mana hidhaa baafamanii Ajjeefaman Oduun jedhuu irra deddebi’ee Dubbatama jira.

(SQ-Sadaasa14/2022)
Oromiyaa Guutuu keessaatti Humni tika Yakka Tokko malee dargaggoota Mana Hidhaatti guuraa ture. Ittis jira. Achis baasanii Ajjeesaa jiru. Hireen dargaggoota Oromoo mana Hidhaa Impaayeraa keessatti dararama jiranii yaddeessaadha.

Weellisaa Damisoo Moosisaa Bara 2021 keessaa yakka tokko malee, Magaalaa Naqamtee Naannoo mana Jireenya isaati Humna tikaan butamee ture. Hiriyoonni isa yeroo muraasaf Mooraa Waraana Kumsaa Moodaa jedhamuun beekamu kan Magaalicha keessaatti hidhamee dararama akka ture dubbatu.

Yeroo muraasa Booda Weellisaan kun eessa akka buusan dhabame. Hiriyoonnisaafi maatiinsa barbaadas turaniiru.

Tibba kana Odeessi Ba’a jiruu Weellisaa Damisoon ajjeefamuu deddebi’ee odeeffama jira. Odeessi Miidiyaa Hawwasaarra deddebi’a jiru akka ibsuutti Weellisaan kun akkuma Mooraa Kumsaa Moodaa jedhamee beekamu keessaa akkuma baafameen Kaampii Waraana Kan Dhidheessaatti argamuutti geeffamuu dubbatu. Achitti akka ajjeefamees barreessa jiru. Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo gamasaatin Odeessa kana mirkaneeffachuuf yaaliin taasiifnne hin milkoofne. Garuu, Namoonni hedduun irra deddebi’iin Miidiyaa hawwasaa kanarraatti akka barreessa jiraniitti ajjeefameera jedhanii Gaddasaani Ibsachaa jiru.

Bifuma wal fakkaatun , Barsiisaa Toomaas Gammachuu Kabaa Magaalaa Buraayyuutii qabamee Ashawaa meedaatti hidhamee kan ture yoo ta’u, Achii baafamee Awaash bakka jedhamuutti geeffamee ture. Awaashiin yoo gaafatamu hin jiru jedhame. Namni hordofaa turan odeessa xiqqoo argatanin “Yeroodhuma Awaash geeffame jedhame sana deebisanii fidanii Ashawaa Meedaa dirree Gujeetti namoota torba( 7) waliin ajjeefame odeessa jiru argatan. Yeroo Awaash geeffamee achii baafameera jedhamee kaasee faanniifi bakki inni jirus dhabamee hafe.

https://t.me/Qeerroo2011/905

Leave a Reply