• Wed. Nov 4th, 2026

Dargaggoonni Keeniyaa “Regional Solidarity Committee” jedhamuun Pan-Africanism leellisan, Qabsoo Walabummaa Oromiyaaf tumsuun Ibsa Miidiyaa taasisan

Nov 16, 2022

Dargaggoonni Keeniyaa “Regional Solidarity Committee” jedhamuun Pan-Africanism leellisan, Qabsoo Walabummaa Oromiyaaf tumsuun Ibsa Miidiyaa taasisan.
(SQ-16,2022)

Ajjeechaa Oromiyaanota fi Lammiilee Tigray irratti Mootummaa Itoophiyaatiin raawwatamu balaaleffatan Ibsa isaaniitiin, Itoophiyaan ijaaramuu irraa eegaltee, Waliigaltee maleeti jedhaniiru.

Haga ollaan keenya nagaa hin taanetti nagaa hin qabnu kan jedhan Dargaggoonni Kun, ittifufuun biyya tokkoo nageenya Uummataa boodadha jedhaniiru.

Heerri itoophiyaa, Mirga Hiree-Murteeffannaa haga Biyya walabaatti jedhu haga hin kabajamnee fi Birmadummaan ishee humnoota Ertiraatiin sarbamee haga jirutti, Itoophiyaan itti fufti jedhanii yaaduun rakkisaadha kan jedhan ibsa isaaniitiin, Heera ishee kabajuun Gaaffii Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu qabdi jedhaniiru.

Qabsoon WBOtiin durfamaa jiru, qabsoo Biyya Oromiyaa ijaaruu ta’uu hubanna kan jedhan Dargaggoonni Kun, Furmaanni itti kennamee nagaan bu’uu qaba jedhaniiru.

Haleellaa diroonii Mootummaan itoophiyaa Lammiilee Oromiyaa irratti bakka hedduutti raawwate, yakka gudeeddii fi shororkaa Mootummaa balaaleffachuun, atattamaan dhaabbachuu qaba, Mootummaan itoophiyaa waraana Oromiyaa WBO wàliin dubbatee furmaata barbaaduu qaba jedhaniiru.

Guutuu isaa qabsiistuu kanaan argattu.

Leave a Reply