• Fri. Mar 13th, 2026

Godina lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbii keessatti murni bilxiginnaa waraana hedduminaan qubsiisee uummata goolaa jiraachuun dhagaa’ame

Nov 16, 2022

Godina lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbii keessatti murni bilxiginnaa waraana hedduminaan qubsiisee uummata goolaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM – ABO – Sadaasa 16, 2022 Goolamuu uummata Oromoon gadaan aangoo isaa waan dheeratuu fi jabaatuuf kan itti fakkaatu murni bilxiginnaa waraana, caasaa nageenyaa fi kaabinoota hawaasa nagaa gidduu bobbaasuun jireenya uummaticha goolaa oola.
Akka kanaanis godina lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbii keessa waraana bilxiginnaa aanota irraa gooticha Bilisummaa Oromoon buqqaa’anii fi kanneen murna bilxiginnaan Finfinnee irraa gadi fe’aman magaalicha keessa hedduuminaan qubsiisuun sochii uummataa danqee jira. Waraanni bilxiginnaa kun manneen nyaataa, waajjiraalee mootummaa, baankiilee, gamoowwan gurguddaa, qe’ee namaa gidduu fi sheeliiwwan cinaa buufachuun sodaa isaaniif hawaasni tajaajila ga’aa bakkoota kana argachuu hanqatee jira. Waraanni bilxiginnaa gosa gosaan manneen barnootaa osoo hin hafin magaalaa Gimbii keessa qubatanii jiran manneen namoota, daandii cinaa, fi lafa ol ka’aa irratti daannoo qotachuu akkasumas cirracha yookiin biyyoo tuuluun naannoo isaanii irra namootni akka hin dabarre dhorkuun rakkoo geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa magaalaa Gimbii addeessaniiru. Magaalattii keessatti yeroo ammoo eessaa dhufte, eessa deemta, waraqaa eenyummaa kee agarsiisii fi hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdu jechuun namootuma nagaa daandii irra deeman karaa dhaabanii qorachuun hojii dhuunfaa isaanii irraa oolchaa ooluu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading