• Fri. Mar 13th, 2026

Hidhaa fi dararaan ilmaan Oromoo godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa irratii cimee ittii fufe

Nov 16, 2022

Hidhaa fi dararaan ilmaan Oromoo godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa irratii cimee ittii fufe.

ONM – ABO – Sadaasa 16, 2022 Kibbaa oromiyaa godina Gujii baha aanaa Gooroo Doolaa ganda Guduba Bururii mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Gooroo Dararaa keessatti guyyaa kaleessaa Sadaasa 15/2022 ganama barattoota barnootaaf mana barumsaa deemanii daree seenan waraanni faashistii koloneel Abiy Ahimed qabee deemuun achi buutee dhabamsiisee jira. Daa’imman Oromoo nagaan maatii isaanii biraa ba’aanii hiraarsitootaan qabamanii achi buutee dhabaman keessaa kan maqaa arganne Tukisaa Reebaa, Nootee Girjaa, Umar Gammadaa, Bashaa Taammiruu, Dhajjituu Taammiruu fi kanneen biroo jiraachuun barameera.

Barattoota hidhaman kana maatiin bakka isaan itti hidhan dhabuun joonja’aa kan jiru yoo ta’u, waraanni murna bilxiginnaa daa’imman umriin isaanii gaafatamummaa fudhachuuf hin geenye waan isaan keessaa hin qabneen yakkuu isaaniitti jiraattootni gaddaniiru. Oduma wal fakkaatuun waraanni murna bilxiginnaa barataa cimaa Yuuniversitii Diillaa irraa barnoota Agro-Economics waggaa arfaffaa baratu Addisuu Mi’eessaa jedhamu godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Harqotaatti yakka tokko malee hidhee jira. Barataan Addisuun barataa bara kana Yuunversitii Diillaa irraa waancaa kaasa jedhamee eegamuu yoo ta’u yeroo itti Yuunversitiin barnootaaf waamee jirutti badii tokko malee hidhaa keessa erga seenee baatii tokkoo ol ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Gooroo Doolaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading