Murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa nama maleeyyii godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti taasiseen lubbuun namoota 18 olii darbuun namootni 17 ol madaa’an.
ONM – ABO – Sadaasa 16, 2022 Murni ilmaan Oromoo addunyaa jalaa dhoksuun duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jiru bilxiginnaan ajjeechaa waraana lafoon geggeessaa jirutti dabaluun xiyyaara waraanaan lubbuu namoota hedduu Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti dhabamsiisaa jira. Murni lammilee isaaf marartoo hin qabnee fi Oromoon bakka bu’e jedhee ololu kun dheengadda Sadaasa 14, 2022 galgala sa’a 2:30 irratti godina kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Raachoo keessatti haleellaa xiyyaara waraanaa nama maleeyyii diroonii jedhamuun uummata nagaa rukutaniin namootni 18 ol du’uun 17 ol madaa’anii jiru. Murni faashistii bilxiginnaa qarqara kufaatii irra ga’uu gadaa aangoo isaaniitti gadduun uummata nagaa haaloo ba’uu fi sochiin waraana bilisummaa Oromoo akka uummata keessa hin jiraanneef hojii hawaasicha jiilchuu boombii samii gadi darbachuun uummata gubuu itti fufee jira. Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanaa Darraa keessatti fudhatetti kan baarage murni bilxiginnaa waraana dabalataa naannoo sanatti fe’uun dararaa uummata irraan ga’aa jiruun cinaatti xiyyaara waraanaan naannicha irra deddeebi’aa jira. Erga Onkololeessa 19, 2022 haleellaan xiyyaaraa murna bilxiginnaan godina lixa Shaggar ona Meettaa Walqixxeetti lammiilee nagaa Oromoo irratti eegalee hanga guyyaa har’aatti hin dhaabbatin jiraachuu ragaan nu qaqqabaa jiru ni addeessa.
