• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii bahaa Aanaa Sirkaatti hidhaan Sabbontoota ilmaan Oromoo irratti jabaate

Nov 18, 2022

Godina Arsii bahaa Aanaa Sirkaatti hidhaan Sabbontoota ilmaan Oromoo irratti jabaate.

ONM-ABO Sadaasa 18, 2022 Murni Oromummaan yakka ta’ee itti mul’ate bilxiginnaan waraanaa fi kaabinoota isaa uummatatti bobbaaseen sabboontotni ilmaan Oromoo badii tokko malee qabamanii akka hidhaan dararaman taasisaa jira.
Ilmaan Oromoo moggaasa siyaasaan hidhaman kun Bilaal Aabbuu jiraata Ganda Xiijoo Labuu Baatii 9, Aabbuu Huseen jiraata ganda Xiijoo Labuu Baatii 7, Xibaabuu Fatoo jiraataa ganda Leemmuu fi Xiijoo baatii 6, Xawwiil Nuuroo jiraataa ganda Elellee Waalanaa baatii 5, Abdulnaasir jiraata ganda Elellee Waalanaa baatii 6, Sheek Jamaal ganda Leemmuu fi Xiijoo baatii 7 ol hidhamanii jiru.

Kana malees Tamaam jiraataa ganda Xiijoo Labuu baatii 6 oli, Abdulkariim jiraataa ganda Xareetaa 01 baatii ol, Mudassiir jiraataa ganda Xareetaa 01 Baatii 6 oli, Abdulmajiid jiraataa ganda Leemmuu Xiijoo Baatii 6, Adam Abbuu jiraataa Heellaa fi Waajii Baatii 6, Gabiree jiraataa ganda Leemmuu Xiijoo Baatii 6, Ibiraahim Ganbuu jiraataa ganda Leemmuu fi Xiijoo Baatii 7 olii hidhamanii akka jiran barameera.

Godina Arsii bahaa aanaa Sirkaa gandoota aanichaa garaagaraa irraa namoota nagaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun qabaniin kan hidhan waraannii fi kaabinoonni bilxiginnaa namoota kana mana murtiitti hin dhiyeessine.

Ilmaan Oromoo gandoota aanaa Sirkaa irraa qabamuun buufata poolisii aanichaa magaalaa Gobeessaa jiru keessatti dararamaa jiran kun turtii baatii tokko hanga baatii sagalii kan qabanii ta’uu odeessi maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa ona Sirkaa irraa argannee ni addeessa.

Leave a Reply