• Wed. Nov 25th, 2026

Murni bilxiginnaa godina Bunnoo Beddellee bulchiinsa magaalaa Beddellee keessatti baay’ina maatii galmeessaa jiraachuun barame

Nov 18, 2022

Murni bilxiginnaa godina Bunnoo Beddellee bulchiinsa magaalaa Beddellee keessatti baay’ina maatii galmeessaa jiraachuun barame.

ONM-ABO Sadaasa 18, 2022 Murni uummatni Oromoo natti hin amanne, ana irratti finciluu danda’aa fi ijoollee isaa bulchiinsa kiyya irratti kakaasuu akkasumas hidhachiisuu danda’a jedhe shakku bilxiginnaan bulchiinsa magaalaa Beddellee keessatti miseensoota maatii galmeessuu eegalee jira.
Gareen faashisti PP uummata Oromoo irraa amantaa hin qabne kun magaalaa Beddellee gandoota magaalattii cufa keessatti kaabinoota isaa bobbaasee mana manaa irra deemsisuun miseensoota maatii meeqa akka qaban, dhiiraa umrii 18 olii meeqa akka jiran, sabni isaanii maal akka ta’ee, yoomii ka’anii achi jiraachuu akka eegalan fi godina kam irra akka dhufan gaafachuun dheengadda Sadaasa 16, 2022 irraa qabuun ragaa funaannachaa jiru.

Kaayyoon Ergamtootni koloneel Abiy Ahimed ganama bariin qe’ee namaa keessa deemanii ragaa maatii funaanan kun, miseensa maatichaa keessaa namni tokkoyyuu qabsoo hidhannoon geggeeffamaa jirutti deemee kan dabalamu yoo ta’e gaafatamaan miseensota maatii achitti hafe akka ta’etu dubbatama.
Keessayuu dargaggootni maatii keessa jiran eessa oolan, eessa deemanii dhufanii fi maaliif deeman kan jedhu maatiin yeroo yerootti ganda issaniif ibsa kennuun dirqama akka ta’e kaabinootni kun hawaasichatti himaa jiru.
Erga gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn bifa haaraan godina Bunnoo Beddellee keessatti tarkaanfii fudhatee diina du’aa fi madoon adabuun akkasumas aanaa keessaa buqqisuun baaragseen booda ofitti amantaa kan dhaban xomboroonni sirna Minilik akkaataa itti sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo daangessan irratti hojjechaa jiru.

Hojii ragaa maatii funaanuun maaticha to’achuu bulchiinsa magaalaa Beddellee keessatti eegaleen gara aanota godinichaa cufatti gadi buusanii hojjechuuf karoora baasaniiru.
Haa ta’u malee karoorri miseensota maatii to’achuunii fi gosa kamtu bakkichatti baay’ataan akka siyaasa isaaniif mijatuutti uummata bulchuun qabsoo hongeessuuf barbaadame kun waggaa sadiin duras godina Qellem Wallaggaa fi Gujii lamaan keessatti geggeeffamus uummaticha qabsootti hirmaachisuu irraa kan hin ittisne ta’uun ni beekama.

Leave a Reply