Godina Lixa Harargee Onoota gara garaa keessatti ergamtoonni PP manneen uummataa gubuun qabeenyas saaman.
ONM-ABO Sadaasa 18, 2022 Murna gabroonfataa irraa ergama uummata mankaraarsuu fudhatanii kan bobbaa’an waraannii fi kaadiroonni sirnichaa, godina Lixa Harargee wanaa Ciroo keessatti Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa jira jechuun manneen uummataa gubuu fi qabeenya uummataas saamuu jiraattonni dubbatu.
Sadaasa 16, 2022 aanaa Ciroo araddaa Ija Faaraa fi araddaa Luugoo Baceessaa keessatti manneen uummataa 32 gubachuu jiraattota irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.
Bifuma wal fakkaatuun, sadaasa 15, 2022 aanaa Odaa Bultum Araddaalee Keeysa Saqarigaa fi Obii keessatti manneen 27 gubateera.
Akka jjraattootni jedhanitti adda durummaan gubaatii manneen uummataa fi saamicha kana irratti bobba’anii kan jiran Poolisoota Humna Addaa Oromiyaa yoo ta’u, kan raawwachiisaa jiran kaadiroota aanichaa ta’uu jiraattota irraa ragaan argame ni mul’isa.
