Godina Arsii lixaa aanota garaagaraa keessatti hidhaan cimee itti fufe.
ONM – ABO – Sadaasa 19, 2022 Murni hiraarsaa fi dararaa qe’ee Oromoo keessatti guyyaa guyyaan dalaguu jabeesse bilxiginnaan ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhuun jireenya isaanii buufata poolisii gochaa jira
Murni aangoo isaaf namoota nagaa shakkuun ilaalchaan yakkee hidhu faashistiin PP godina Arsii lixaa aanota akka Shaashamannee, Kofalee, Arsii Nageellee fi Shaallaa keessatti badii tokko malee qabanii hidhaa jiru.
Namootni aanota kanneen keessatti hidhamanii jiran yakka tokkoyyuu hojjetanii osoo hin taane Oromummaa qofaan yakkamanii hidhamuun mana murtiitii osoo hin dhiyaatin waajjira poolisii aanaalee keessatti dararamu.
Aanaa Shaallaatti jiraataa ganda Gaarrii kan ta’e obbo Daraaroo Guyyee ilmaa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti, fiddee galchuu didde jechuun yero yerootti hidhuun mana isaa mana hidhaa taasisaniiru.
Obbo Daraaraa Guyyee bara bulchiinsa TPLF’s badii tokko malee Oromummaan yakkamuun mana hidhaa impaayerattii garaagaraa keessatti hidhamee dararamaa turuun ni yaadatama.
