• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baalee baha aanaa Gindhiir keessatti murni bilxiginnaa oomisha qonnaan bultootaa irratti summii bifaa jiraachuu jiraattotni dubbatan

Nov 19, 2022

Godina Baalee baha aanaa Gindhiir keessatti murni bilxiginnaa oomisha qonnaan bultootaa irratti summii bifaa jiraachuu jiraattotni dubbatan.

ONM – ABO – Sadaasa 19, 2022 Godinni Baalee Bahaa aanaan Gindhiir oomishaa qamadii, garbuu, xaafii fi oomishaalee callaa garaagaraa argamsiisan oomishuun kan beekamtu yoo ta’uu, aanicha keessatti murnaa bilxiginnaatiin miidhaan omishaa qonnaan bultoota irraa ga’aa jira.

Torbee darbee irraa eegalee godina Baalee Bahaa aanaa Gindhiir gandoota qonnaan bulaa Geetaraa fi Ballee Qacaatti oomishaalee naannoo laga Burqaatti argamu irratti maqaa bosona cirtan jedhun murni bilxiginnaa poolisii humna addaa Oromiyaa fi milishaa fayyadamuun oomishaa qonnaan bultootaa hektaara 20 ol ta’uutti summii bifsisuun gubaanii qonnaan bultoota harkaa duwwaatti hambisuu jiraattootni miira gaddaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Yeroo qaala’iinsi jireenyaa impaayerattii keessatti dagaaguun uummatni sadarkaa waa bitatee nyaachuuf of dadhabettii fi hongee aanota hedduu godina Baalee Bahaa rukuteen hanqinni midhaan nyaataa hammaatetti oomisha dafqaa ilmaan Oromoo hojjetamee haamuuf ga’ee summiin gogsuun isaanii beela meeshaa waraanaa godhatanii hojjechaa jiraniif agarsiistuu dha kan jedhan jiraattoota aanaa Gindhiiri.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading