Waraanni murna bilxiginnaa 100 ol ta’an qondaaltota waraana sirnichaan sababa magaalaa Najjoo keessaa WBO’n buqqa’anii magaalaa Kaamaashiitti baqataniif meeshaan irraa hiikame, WBOtti harka kennatan.
ONM – ABO – Sadaasa 21, 2022
Lola Waraanni Bilisummaa Oromoo loltoota garboomfataa PP irratti banuun magaalota xixiqqoo fi aanota keessaa buqqisutti waraana isaa lolicha dheessuun gara mooraa waraana bilxiginnaatti birootti deeman qawwee fi hidhannoo irraa hiikuun hidhaaf saaxila yookiin irraa hiikee harka duwwaa gadhiisa.
Haala kanaanis lola Sadaasa 3 hanga Sadaasa 7,2022tti godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Najjoo keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana murna bilxiginnaa irratti geggeessuun magaalattii keessaa du’aa fi madoo ta’uu baqachuun gara mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Kaamaashiitti baqatan maaliif achitti haftanii hin duune jechuun loltoota 100 ol irraa qawwee fi hidhannoo hiikanii mooraa isaanii keessatti gadhiisan.
Loltootni kun cufti sabaan Oromoo yeroo ta’an meeshaa hidhannoo sirna isaaniif eeganii geessan galata dhabsiisuun deebisanii irraa kan hiikan yoo ta’u fuula durattis hidhaan akka isaan eeggatu otto himan.
Gocha murna bilxiginnaatti kan aaran waraanni bilxiginnaa qawween irraa hiikame kun namoota 43 ta’uun badanii gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti Oromootti harka kennatanii jiru.
Loltootni PP WBOtti harka kennatan kunis lola geggeeffamaa ture irratti WBOtti dhukaasaa turuutti gadduun inamaayyuu meeshaa murna bilxiginnaatti deebisaniif aaraniiru.
Murni bilxiginnaa nu obbaase nu irraa hiikee diinummaa isaa nutti agarsiise kan jedhan loltootni kun, Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu kaleessa itti dhukaasaa turree, miidhaa malee bu’aa tokko qabsoo bilisummaa Oromoof osoo hin buusin jaalala Oromummaaf qofa nu simate jechuun simannaa isaaniif ta’etti gammadaniiru.
Dhuma irrattis ilmaan Oromoo loltuu bilxiginnaa ta’uun tajaajilaa jiraniif dhaamsa dhaamaniin, ilmaan Oromoo sirnicha keessa jiran kabajaa waan hin qabne waan kamuu raawwatus waanti fedhii isaanii du’anii sirnicha tiksuu hin raawwatu taanan fudhatama waan hin qabneef qawwee keessan qabattaniif osoo akka keenya hin salphatin WBOtti harka akka kennitan jechuun dhaamaniiru.
