Godina Baalee lixaa bulchiisa magaalaa Roobee keessatti kaabinootni murna bilxiginnaa lafa keessan galmeessaa jechuun seeraan ala lafa namootaa irraa fuuchuuf hojjechaa jiraachuun barame.
ONM – ABO – Sadaasa 22, 2022
Bulchiinsa magaalota Oromiyaa keessatti saamicha lafaa maqaa qajeelfama mootummaa jechuunii fi misoomaan raawwatu hammachuun uummata lafa malee hambisaa jira.
Murni bilxiginnaa oolee bulee uummata waan ittiin dararuu fi ittiin maallaqa funaannatu barbaadu godina Baalee lixaa bulchiisa magaalaa Roobee keessatti uummataan dookumentii lafa keessanii fidaa jechuun namoota eeyyama itti qaban seeraan ala fudhattee, hammaa ol qabattee jirtaa fi daandiitu irra ba’a jechuun uummata yaaddessaa jiru.
Doorsisuun maallaqa hawaasa magaalaa Roobee irraa guurrachuuf piroojektii bocatee hojjechaa kan jiru bilxiginnaan waajjira bulchiinsa magaalaa Roobee namoota lafa qabiyyeen qabatanii jiran kaarimeetirii 500 qofa isinii dhiisnee isin irraa fuuchuun abbootii qabeenyaaf dabarsina jechuun doorsisa geggeessu.
Dhimmi lafaa dhimma lafeeti jechuun ilmaan Oromoo maaster pilaanii magaalaa Finfinnee akka hojii irra hin oolle qabsaa’anii hambisanis murni bu’aa qabsoo sabichaa butee aangootti ol ba’e bilxiginnaan gurgurtaa lafaa qe’ee Oromoo hedduu keessatti madda galii godhachuun ooyiruun namootaa osoo hin hafin sababa itti barbaadanii irraa fuudhanii abbootii qabeenyaatti gurgurachaa jiraachuun ni beekama.
