Godina baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti finxaaleeyyoonni Amaaraa Faannoo ofiin jedhan namoota 25 ol ajjeesuun 30 ol madeessan.
ONM – ABO – Sadaasa 22, 2022
Erga mootummaan abbaa irree Abiy Ahimed maqaa jijjiiramaatiin bu’aa qabsoo uummata butuun aangoo siyaasaa impaayerattii harkatti galfate as uummanni Oromoo finxaaleeyyoota Amaaraa Faannoo ofiin jedhanii fi waraanuma isaatiin ilmaan Oromoo hedduun ajjeefamuun qabeenyi hedduunis barbaadaa’ee jira.
Maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun meeshaa fi leenjii kennuufiin humnoota badii kana kan naannoo sana qubachisee murna PP federaalaa fi warreen mootummaa naannoo Oromiyaa jedhanii of waaman yoo ta’u kaayyoon isaanis uummata Oromoo lafa irraa duguuguufi.
Haaluma kanaan humnoonni Faannoo Amaaraa ofiin jedhan kunis gaafa sadaasa 18 hanga 19, 2022tti lola adeemsifameen humnoota kanaan namoonni 25 ol yoo du’an namoonni 30 ol madaa’anii jiru jechuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ajjeechaa kana malees manneen namoota hedduus saamamuunii fi gubataachuun barbadaa’anii jiru.
Sababa gocha badii ajjeechaa fi buqqaatii humnoota finxaaaleyyii kanaan isaan irra qaqqabeef hawaasni aanaa Kiiramuu gandoota baay’ee keessaa godaananii jiraachuu dabaluun addeessaniiru.
