• Thu. Nov 26th, 2026

Murni bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Garjii hanga Goorootti daandii isiniif baasna jechuun manneen uummataa diigaa jiraachuun barame

Nov 22, 2022

Murni bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Garjii hanga Goorootti daandii isiniif baasna jechuun manneen uummataa diigaa jiraachuun barame.

ONM – ABO – Sadaasa 22, 2022

Murni bilxiginnaa maqaa misoomaan manneenii fi oomisha namootaa balleessuu itti fufuun bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Booleee fi Gooroo keessatti manneen namoota diigaa jira.

Murni kun Sadaasa 14,2022 irraa kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaa daandiin isiniif galchaan manneen namoota naannoo Garjii hanga Gooroo irraa jiran maashina daandii baasu itti kaa’uun qabeenya namootaa waliin diigaa jiru.

Qaamotni bulchiinsa magaalaa Finfinnee hojii kanaaf bobba’an namoota daandii sana hojjetan waliin dhiibbaa guddaa hawaasa irraa ga’aa jiru.

Hawaasni daandii kana irratti argaman sababa daandiif manneen isaanii jalaa diigameef qabeenyi isaanii manca’ee bakkeetti faca’uu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply