WBOn baha Wallaggaa aanaa Eebantuu guutuutti dhuunfate.
ONM-ABO Sadaasa 26, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana bilxiginnaa irratti fudhachuun duula WBO balleessuuf karoorfatanii bobba’an harkaa fashaleessaa jira.
Akka kanaanis har’a Sadaasa 26, 2022 ganana barii sa’a 12:00 irraa qabuun tarkaanfii jabaa godina Baha Wallaggaa ona Eebantuu irratti fudhateen humna diinaa mooraa garaagaraa keessaa haleelee baasuun aanicha guutuutti dhuunfateera.
Tarkaanfii jabaa fudhatame kanaanis humni diinaa hedduun du’anii gariinis madaa’eeniiru.
Hidhamtoota siyaasaa gadhiisisuun meeshaalee waraanaa garaagaraas dhuunfatee jira.
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhate kanaan murni bilxiginnaa baaraguun dhukaasa aaanaalee garaagaraa keessaa dhukaasaa jiru.
WBOn erga aanicha dhuunfateen boodas hojii hawaasa tasgabeessuu fi mana keessa of eeggannoon turuu irratti hojjechaa jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humna diinaa miilaan aanaa Giddaa irraa Eebantuutti birmachaa turan aanaadhuma Eebantuu bakka Kaattichee jedhamu irratti bakakkaa itti buusee du’aa fi madoon adabee jira.
Miidhaa WBOn waraana bilxiginnaa irraan ga’aa jiru bu’aa hoggansaa fi kaayyoo qabaachuu ti.
Injifannoon Uummata Oromoof!
