• Thu. Sep 10th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’oo keessatti murni Bilxiginnaa abbaa Qabeenyaa Oromoo tokko Saamuun hojii dhorkuunii fi qabeenyaa uummataa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuun barame

Nov 29, 2022

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’oo keessatti murni Bilxiginnaa abbaa Qabeenyaa Oromoo tokko Saamuun hojii dhorkuunii fi qabeenyaa uummataa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuun barame

ONM – ABO – Sadaasa 29, 2022 Sirni bilxiginnaa ilmaan Oromoo diinagdeen dhadhabsiisuuf gibira humnaan olii gaafachuun uummaata saamuunii fi sababa kafaluu diddeen hojii dhorkuu itti fufuun godina Baha Harargee ona Malkaa Bal’oo magaalaa Jaajaa jedhamtu keessatti nama maqaan isaa Mahaammad Ahimed jedhamu abbaa qabeenyaa magaalichaa gibira humnaan olii itti ramaduun kaffaluu waan dadhabeef mana uffataa fi dunkaana isaa jalaa cufaniiru. Aanaadhuma Malkaa Bal’oo araddaa garaagaraa keessatti kaabinoonni fi milishootni waliin ta’uun qabeenya uummataa saamuun manneen daldalaa adda addaa banachuun dantaa dhuunfaa isaanii ittiin guuttachaa jiru. Namni maqaan isaa Fixabaas Ahimed jedhamu onuma Malkaa Bal’oo magaalaa caffee keessatti qabeenya uummataa hedduu saamuun manneen addaa addaa ijaarrachuun hawaasatti dabarsee kireessuun jiraachaa jira.
Aanicha keessatti hojjeettoota mootummaa hedduu isaanii kaffaltii miindaa ji’aa dhorkachuun hojjettootni kunneen waan ittiin jiraatanii fi daa’ima isaanii jiraachisan dhabanii dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading