• Mon. Jun 15th, 2026

Ilmaan Oromoo godina Baalee lixaa aanaa Gurraadhaamolee irraa sababa lola poolisoota humna addaa Soomaaleen irratti banameef buqqa’aan humnaan deebisaa jiru

Nov 29, 2022

Ilmaan Oromoo godina Baalee lixaa aanaa Gurraadhaamolee irraa sababa lola poolisoota humna addaa Soomaaleen irratti banameef buqqa’aan humnaan deebisaa jiru.

ONM – ABO – Sadaasa 29, 2022 Murni bilxiginnaa nageenya lammiilee eeguu dadhabuunii fi bu’aa siyaasaaf jecha saboota daangaa Oromiyaa waliin wal daangeessan uummata Oromootti kakaasuun miidhaa uummaticha irra ga’uu irraa dantaa siyaasaa sharafachuuf shira hojjetuun qe’een baay’een barbadaa’eera. Keessayuu erga baatii Bitootessaa 2022 irraa eegaluun lola poolisootni humna addaa Soomaalee ilmaan Oromoo godina Baalee lixaa aanaa Gurraadhaamolee ganda Okkoltuu irratti bananiin abbootiin warraa hedduun buqqaa’anii magaalaa Dalloo Mannaa qubachuun nyaataa fi dhugaatiin dararamaa turan. Rakkoo hamtuu hawaasa lubbuu olfachuuf gara sanatti baqate furuu mannaa murni bilxiginnaa abbootii warraa haala rakkoo nageenyaa jiru dheessuun magaalaa Dalloo Mannaa qubatanii turan keessaa abbootii warraa 100 ta’an humnaan Jimaata darbe Sadaasa 25, 2022 gara ganda isaanii Okkoltuutti akka deebi’an taasisanii jiru. Murni bilxiginnaa kun baatii lamaan duras ilmaan Oromoo humnaan achitti deebisee kan ture yoo ta’u hawaasni deebi’ee torban osoo hin bulin dhukaasni irratti banamuun miidhaan qaqqabee ture. Hawaasni aanaa Gurraadhamoolee irraa buqqa’ee ganda sana deebi’uuf lubbuu isaaniif sodaatan hedduunis gara aanota adda addaa keessatti facaa’unii fi magaalaa Roobee keessa naanna’uun jireenya isaaniif rakkoo hadhooftuu dhandhamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading