• Sun. Jun 7th, 2026

Murni bilxiginnaa lixa Wallaggaa ona Sayyoo Noolee keessatti namoota saamuun magaalaa Gimbii keessaa ajjeesuun uummatatti yaaddoo uumuu jabeessan

Nov 29, 2022

Murni bilxiginnaa lixa Wallaggaa ona Sayyoo Noolee keessatti namoota saamuun magaalaa Gimbii keessaa ajjeesuun uummatatti yaaddoo uumuu jabeessan.

ONM – ABO – Sadaasa 29, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo cufa irratti dararaa fi ajjeechaa hammeessuun hawaasichi qe’ee isaa irra nagaan akka hin jiraannee fi bobba’e akka hin galle dhorkuun hojii farrummaa faallaa mirga namoomaa hojjetan cimsanii jiru. Haaluma kanaan torbee darbee qabuun godina Lixa Wallaggaa ona Sayyoo Noolee magaalaa Dabbasoo fi naannoo isheetti waraanni murna bilxiginnaa dararaa hanga kana hin jedhamne uummata irraan ga’aa jira. Mana namaatti ol seenanii maallaqa saamuu, faayaalee garaagaraa fuuchuu, reebuu, qabanii hidhuu, halkan gadi baasanii gudeeduu, nyaataa fi dhugaatii fayyadamanii hin kafaluu jechuun diinagdee fi qorqalbii hawaasicha cabsaa jiru. Oduu biraatiin ammoo achuma godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbii ganda 02 keessatti nama nagaa abbaa maatii kan ta’e maqaan isaa Amaan Huseen jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun dheengadda Sadaasa 27, 2022 galgala ajjeessan. Amaan Huseen nama harka qalleessaa fi hojii guyyaa warra ujummoo bishaanii waajjira bishaanii magaalaa Gimbii keessa diriirsu biraa kan hojjetee of jiraachisuu malee nama siyaasa keessaa quba hin qabne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading