• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn konyaa Salaalee ona Hidhabuu Abootee keessatti waraana PP haleeluun dishqaa 1, Bireena 7 fi isnaayippera 6 irraa hiikuu beeksise!

Nov 29, 2022

WBOn konyaa Salaalee ona Hidhabuu Abootee keessatti waraana PP haleeluun dishqaa 1, Bireena 7 fi isnaayippera 6 irraa hiikuu beeksise!

ONM-ABO Sadaasa 29, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa konyaa Salaalee ona Hidhabuu Abootee keessatti tarkaanfii Sadaasa 29, 2022 waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhateen humna diinaa irraa loltoota 120 ol yoo ajjeesu 145 madeessee jira.

Lola lafa raasee dhiiga waraana bilxiginnaa lolaase kanaan Dishqaa 1, Bireena 7, isnaayippera 6, qawwee AKM 80, hidhannoo 100, rasaasa dishqaa saanduqa 4 fi meeshaalee waraanaa garaagaraa dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoof bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Kana malees guyyuma kana lola jabaa ona Kuyyuu magaalaa Goraa fi Dagam magaalaa Alii Doorootti waraana weerartuu PP irratti taasiseen diina baaragsuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana ganda osoo hin taane waraana saba ta’uun isaa injifannoo dachee Oromiyaa cufa keessatti WBOn galmeessaa jiru ragaa dha.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading