• Sun. Mar 15th, 2026

Barattoonni Oromoo Mana Barumsaa Sad. 2ffaa Calalaqii Magaalaa Naqamtee Hiriira Mormii Sirna PP Irratti Bahan

Dec 5, 2022

Barattoonni Oromoo Mana Barumsaa Sad. 2ffaa Calalaqii Magaalaa Naqamtee Hiriira Mormii Sirna PP Irratti Bahan.

[SQ Mudde 5/2022]

Yeroo ammaa kana Oromiyaa guutummaa irratti, keessumattuu Oromiyaa Lixaa (Wallagga) irratti gochi duguuggaa sanyii sirna Bilxiginnaa fi Hidhattoota Naannoo Amaaraatiin raawwatamaa jira. Kanuma hordofuun haala rakkisaa fi hammaataa hiriira bahuuf isaan dhorku keessa taa’anii barattoonni Oromoo hiriira mormii fi balaaleffannaa muurna PP irratti taasisaa jiru.

Guyyaa har’aa jechuunis Mudde 5/2022 barattoonni Oromoo magaalaa Naqamtee mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Calalaqii, ajjeechaa humnoonni Faannoo fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta’uun uummata Oromoo irratti raawwataa jiran balaaleffatan. Haalli nageenyaa magaalaa Naqamtee keessa jiraachuufuu rakkisaa ta’ee osoo jiruu, barattoonni kunneen murannoo jabduudhaan bahanii sagalee uummata isaaniif ta’aniiru.

Hiriirri fi sochiiwwan mormii akkasii guutummaa Oromiyaa irratti cimee itti fufa.

Hubachiisa: Hiriirri mormii fi dhaadannooleen gaggeeffamaa jiran bifa qindaa’een yoo kan danda’amu ta’e, suuraa fi viidiyoon karaa keessoon Sagalee Qeerroo akka dhaqqabsiistan jenna.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading