• Tue. Nov 24th, 2026

Qeerroon Bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa cufa keessatti hiriira ba’uun, gocha sanyi duguuggaa Sirna PPn Oromoo irratti raawwatu mormaa oolani

Dec 5, 2022

Qeerroon Bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa cufa keessatti hiriira ba’uun, gocha sanyi duguuggaa Sirna PPn Oromoo irratti raawwatu mormaa oolani.

ONM-ABO Muddee 5, 2022

Qeerroon Bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa cufa keessatti hiriira ba’uun, gocha sanyi duguuggaa Sirna PPn Oromoo irratti raawwatu mormaa oolani.

Waggaa 100tti akka wal hin qabannetti caccabseen diigee balleesa jechuun kan dhaadate mataan Sirna PP, Abiyyi Ahimed, Lafoofi qilleensarraan ibidda Oromootti biifuu erga jalqabee bubbuleera. Waraana Bilisummaa Oromoofi Uummaticha adda baasuu dadhabuun, akkasumallee Humna lafoon Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuun kan abdii kutate mootummaan PP, sanyi daguuggaa uummata Oromoo irratti labsuun diroonii nama maleessaan ibidda samii irraa irratti harcaasaa jira.

Uummaticha xaa’oofi sanyii filatamaa dhorkachuu irraa kaasee  bunaafi boqqolloo dabalatee biqiltuulee midhaan nyaataa jalaa ciruun beelessanii jilbeenfachiisuu waan dadhabaniif, mana irraa gubuufi qabeenyaa irraa barbadeessuutti ce’ani. Isa kanaafis Oromoon jilbeenfachuu waan dideef, maatii qabsaa’otaa addatti dararuufi hidhuu eegalani. Kunis Qabsicha ittuu finiinsuu isaa arganii jumulaan uummaticha fixuu murteeffachuun lixaafi kaaba Shaggaritti uummata mandara mandaraan wal ga’ii waamuun fixani. Kunis xiiqii jabaa keessa sabicha galchuu hubachuun, dirooniidhaan boombii itti roobsuu murteeffatani.

Yaadaafi qalbii sabichaa gargar facaasuun Uummatichi deggersa mootummaa gaafachuun akka inni mootummaatti kooluu galu gochuuf, Humnoota Finxaaleyyii Amaaraaf qarshii deggersa gochuun hidhachiisanii Lixa Oromiyaa, HGW fi Baha wallaggaan Uummatichatti duulchisuu eegalani. Humni Faannoo jedhamu kun Raayyaa ittisa impaayerichaan deggeramuun qee Oromoo barbadeessuufi saamuu itti fufe.

Humni babal’ifannaa lafaafi saaminsa qabeenyaa irratti xiyyeeffate kun karaa Buree daangaa.Oromiyaa cabsee seenuun, qaamota mootummaan deggeramee wallagga bahaa Aanaa Abee Dongoroo bakka Tullu Gaanaa jedhamutti leenjii waraanummaa yeroo dheeraaf kennaa turuun baha wallaggaa hanga magaalaa Naqamteetti miseensa isaa babal’ifachuun Oromoo Kiiramuufi Jaarteetti lola bane.

Lola kanaanis Oromoota kumoota heedduutti lakkaa’aman qeefi qabeenya isaa irraa buqqisuun dhibboota heedduutti kan lakkaa’aman ajjeese. Ajjeechaa kana adda durummaan Humni Finxaalessaa kun haa gaggeessu malee, qaamni nageenyaa mootummaas keessatti hirmaataa turaniiru.

Lolli kun babal’achuun hanga magaalaa Naqamteetti dhiyoo bakkoota ta’an irratti lolamaa kan jiru yoo ta’u, magaalaa Angar Guuttin, Andoodee, Tullu Gaanaa, Mandara 24 fi bakkoota heedduu keessatti sadaasa 04, 2022 HAO dabalatee lubbuun ilmaan Oromoo akka baalaatti harca’e. Isa kanaaf humni Raayyaa Ittisa Impaayerichaa gara sanatti ergames HAO hiikkachiisuuf kan ergame yoo ta’u, hiikkachuu didnaan humna Faannoo kana deggeree guyyaa guutuu lolaa ooluu ragaan achii ba’e ni mirkaneessa.

Lola amma karaa heedduu Oromoofi Oromiyaa irratti baname kana lola daangaa fakkeessuuf Baha Shaggariinis Oromoo Karrayyuu irratti lola banameen lubbuun namoota heedduu ba’uufi manaaf qabeenyi barbadaa’aa jira.

Lafoon humna Komaandoo impaayerittii itti bobbaasuun, samii irraan jeettota waraanaa, akkasumallee dirooniin ibidda itti harcaasaa, Lixa Wallaggaa, Aanaa Begiis guutummaatti ibiddaan bobeessaa jiru.

Kana mormuun, sadaasa 04, 2022 Lixa Shaggar Aanaa Gindabaratitti mormiifi fincilli barattootaan eegalame ittuma fufuun guyyaa har’aa, sadaasa 05, 2022 Baha Wallaggaa, magaalaa Naqamtee, Arsii Lixaafi Bahaa, Baha Oromiyaa Magaalota gara garaa keesaatti dhageessifamaa ooleera.

Barattoota nagumaan Uummata isaaniif sagalee ta’uuf ba’an magaalaa Naqamtee keessatti mootummaan PP reebicha hamaa irraan ga’uun, jumulaanis hidhaa ooluun baramee jira.

Leave a Reply