Barattoonni Yuunvarsiitii Diillaa fi Gincii duguuggaa sanyii Oromoo irratti geggeeffamaa jiru hiriira ba’uun balaaleffatan.
ONM-ABO Muddee 7,2022 Uummata Oromoo lafa irraa balleessuuf gocha qindaa’aa finxaaleyyii Amaaraa fi murna bilxiginnaan Oromiyaa mara keessatti waraana lafoo fi humna qilleensaan geggeeffamaa jiru mormuun barattootni Oromoo yuunivarsiitii Diillaa fi magaalaa Gincii keessatti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Haacaaluu Hundeessaa keessatti hiriira mormii geggeessaa turan.
Hiriira mormii daangaan lafaa osoo hin uggurin Yuunvarsiitii Diillaa keessatti geggeeffameen barattootni kun dhaadannoolee uummata Oromoo deggeru, gocha murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraa mormu, akkasumas murni bilxiginnaa aangoo akka gadhiisuu gaafatu dhageessisaa turaniiru.
Wiirtuun ka’umsa finxila xumura gabrummaa bara 2015 keessaa belbele magaalaan Ginciis har’a karaa barattoota ishee warraaqsichatti makamteetti.
Warraaqsa Galaana Uummata Oromoo bararuuf geggeeffamaa jiru kanatti kan hirmaatan barattootni Oromoo magaalaa Gincii mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Haacaaluu Hundeessaa dhaadannoolee gocha duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffatu akkasumas murni bilxiginnaa aangoo akka gadhiisuu gaafatu dhageessisaa turaniiru.
Warraaqsi guyyaa 3ffaa qabachuun Oromoo tokkummaan kakaasaa jiru kun cimee itti fufuun gurbummaa uummata Oromoo irratti hundee gad jabeeffate qabsoo geggeeffamaa jiru tumsuun xumura akka itti godhuuf cufti dammaqiinsaan irratti hirmaachuu akka qabu barattootni kun dhaamaniiru.
