Barattoonni Oromoo godina Booranaa aanaa Dubluq, Warra Jaarsoo fi Holotaa duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun hiriira jabaa geggeessaa jiru.
ONM-ABO Muddee 8, 2022 Karoora Oromoo lafa irraa balleessuu mataa nafxeenyootaa Abiy Ahimedii fi finxaaleyyii Amaaraan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf mormiin barattootaa eegalee yuunvarsiitiilee fi manneen barnootaa cufa shaffisaan wal ga’aa jira.
Warraaqsa Oromoo haa bararruu eegalame kanatti har’a Muddee 8, 2022 ganamaan kibba Oromiyaa godina Booranaa aanaa Dubluq keessatti barattootni gocha duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun hiriira geggeessanii jiru.
Hiriira kana irratti ergamtoonni sirna nafxenyaa barattoota irratti qawwee dhukaasuun magaalaa Dubluq dirree lolaa fakkeessanii jiru.
Dhukaasa barattoota gaaffii mirgaa dhiyeeffachaa fi aantummaa saba isaanii agarsiisaa turan irratti geggeeffameen hanga gabaasni kun qindaa’etti miidhaan qaqqabe adda hin baane.
Oduma wal fakkaatuun godina Salaalee ona Warra Jaarsoo keessatti guyyuma har’aa barattoonni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Milkii bulchiinsa magaalaa Tulluu Milkii keessa jiran barnoota addaan kutuun hiriira ba’anii duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru irratti mormii isaanii dhageessisuun saba isaaniif jiraachuu agarsiisanii jiru.
Warraaqsi kun itti fufuun godina addaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Holotaa keessattis barattoota Oromoon gochi duguggaa sanyii Oromoo irratti murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan geggeeffamaa jiru balaaleffatamaa tureera.
