• Fri. Nov 20th, 2026

Ibsa Baqattoota Oromoo Biyya Keeniyaa Haala Yeroo Oromoo Fi Oromiyaa Irratti Kenname

Dec 12, 2022

Ibsa Baqattoota Oromoo Biyya Keeniyaa Haala Yeroo Oromoo Fi Oromiyaa Irratti Kenname
Jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif impaayerri xoopiyaa uummata Oromoo irratti garbummaa hiriyaa hin qabne
fe’uun cunqursaa ulfaatoo taasisaa har’a geesse. Hammeenyi impaayerattis hanguma dullumni ishee
dadhabsaa dhufe jabaatee itti fufe. Dammaqinsi fi waraanaan jabaatee of ijaaruun uummata Oromoo
ammoo murna impaayera dulloomte kana dursu daran mataa dhukkubse. Impaayera fedhii saboota
awwaaltee dantaa sab-qeenxee fi sirna Minilik ganamaa galmaan gahuuf jecha wixxifataa jirtu kana murni
maafiyaa Abiy Ahmed akka dursus eenyu jalaa kan dhokate miti. Murni kunis wal ijaaruudhaan, gochaa
sukkanneessaa fi hammeenya jaarraan kun hin damdamanne uummata Oromoo irraatti raawwachaa jiru.
Keessattuu yeroo ammaa kanatti humnoota finxaaleyyii mootummaa Xoophiyaan hidhachiifamaniin
dhiibbaan uummata Oromoo irra qe’ee isaa irratti gahaa jiru sadarkaa duguuggaa sanyiitti ce’ee jira.
Gochaalee sukkaneessoo uummata Oromoo daguuguu irratti qiyyaafates, kutaalee Oromiyaa suutuma
suutaan walgeessisuu itti fufan. Kunis godinaalee Shawaa arfan, Wallaggaa arfanii fi Walloo irratti marsaa
adda addaan haaleellaa xiyyaara nam-maleeyyiin (Drone Strike) uummata kumaatamaan lakkaa’amu
ajjeesuun kumaatama ammoo madoof saaxilan. Akkasumas, gandoota baadiyaa godinaalee Kibba Bahaa,
Kibbaa, Bahaa, Lixaa, Kaabaa fi Giddu Gala Oromiyaa keessaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota
qe’ee isaanii irraa mootummaan buqqisuun rakkoo ulfaataa irratti uummatni keenya kufee jira. Gama godina
Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Sh/Bahaa irraan ammoo finxaaleyyii amaaraa (Faannoo)
mootummaan hidhachiifamaniin qe’ee qonnaan bulaa gubuu, loon fi midhaan gubuu, maatii bakka tokkotti
mana waliin gubuu, magaalota barbadeessuu fi gochaaleen sukkanneessoon dubbachuuf ulfaatu uummata
keenya irra gahaa jira.
Humnoonni finxaaleyyii maqaa ‘Faannoo’ jedhamuun socho’anii fi murni maafiyaan ‘Biltsiginnaa’ jedhee
of waamu kun ergama tokkicha Oromoo fi Oromiyaa balleessuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiranis
gochaan isaanii of hima. Gochaa dhalli namaa gurraan dhaga’uuf sururamu harka fi harma muraa dhaloonni
har’a akka seenaatti dhaga’een olitti mormi Oromoo muraamee ijaan arguuf geenye. Suur-sagaleeleen
ilaaluuf namatti ulfaatan hedduunis miidiyaa hawaasa kanarra yoo deeman argaa jirra.
Egaan nuti baqattootni oromoo sirna kanaan dhiibamnee biyya baqaa Keeniyaa (Kenya) keessatti argamnu
osoo uummatni keenya bifa kanaan lafa isaa irraa duguugamaa jiruu sammuun keenya boqonnaa argachuu
hin dandeenye. Gochaalee sanyii duguuggaa murna maafiyaa Abiy Ahmediin durfamuun Oromoo fi
oromummaa balleessuuf godhaman kana gadi jabeessinee ni balaaleffanna.
Qeerroo, Qarree, Barataa, Barsiisaa fi hawaasni warraaqsatti jiru haga sirna kana dhabamsiisee,
Bilisummaa, Birmadummaa fi Walabummaa isaa gonfatutti warraaqicha akka itti fufu ni jajjabeessina.
Uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa guutummaa fi biyyoota idil-addunyaa keessa jiraatu hundi, gocha
sanyii duguuggaa mootummaan faashistii xoopiyaa fi humni finxaaleyyii faannoo waliin tahuun duguuggaa
sanyii uummata oromoo irratti gaggeessaa jiru akka balaaleffatan dhaamna.
Muddee 12, 2022
Baqattoota Oromoo Biyya Keeniyaa
Injifannoon Uummata Oromoof

Leave a Reply