• Wed. Nov 25th, 2026

Barattoonni Yuunvarsiitii Wallaggaa fi New Generation labsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo Warraaqsa Oromoo Haa Bararruu jechuun baase ofitti fudhachuun hiriira mormii geggeessaa oolan

Dec 12, 2022

Barattoonni Yuunvarsiitii Wallaggaa fi New Generation labsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo Warraaqsa Oromoo Haa Bararruu jechuun baase ofitti fudhachuun hiriira mormii geggeessaa oolan.

ONM-ABO Muddee 12, 2022 Lafeen dugdaa qabsoo bilisummaa Oromoo barattootni diddaa sirna bilxiginnaa irratti qaban saba duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan geggeeffamaa jiru balaaleffachuun hiriira mormii jabaa geessuu itti fufanii jiru.

Ganama har’aa barattoonni Yuunvarsiitii Wallaaggaa fi New Generation magaalaa Naqamtee mooraa barnootaa isaanii keessatti duguuggaa sanyii raawwachaa jiru mormuun sirni bilxiginnaa aangoo akka gadhiisu gaafataniiru.

Itti dabaluunis qaamni Oromoo fi Oromiyaa eeguu danda’u WBO qofa jechuun miidhaan kun hunduun Waraana Bilisummaa Oromoo alatti duulaan moggeessuu irraa dhufe erga jedhaniin booda hanga bilisummaan saba keenyaa dhugoomutti Warraaqsa Oromoo haa baraarruu kana jabeessanii akka itti fufan dhaamsa dabarfataniiru.

Leave a Reply