Barattoota harka duwwaa duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuuf Yuuniversiitii Madda Walaabuu keessatti hiriira geggeessan ergamtoonni murni bilxiginnaa reebicha irratti geggeessan.
ONM-ABO Muddee 12, 2022 Waamicha Oromoo baraaruuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo waaman hawwaachuun hiriira mormii barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Madda Walaabuu har’a ganama Muddee 12, 2022 geggeessan waraanni faashistii Abiy Ahimed humnaan tamsaasuun reebicha irra geggeessee jira.
Barattoota reebamanii miidhaan irra ga’e malee kanneen hidhamanis kan jiran yoo ta’u baroota Oromoo mormichaa garuu hidhaas ta’e ajjeechaan salphina Oromoon morma citee fi ulfi mana keessatti gubachaa jirtu waan hin caalleef mormii keenya cimsinee itti fufna jechuun kan dhaammatan barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu ti.
