Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsa uggura gabaa fi geejjibaa baasuu beeksise.
ONM – ABO – Muddee 12, 2022 Muddee 11, 2022 Qeerroon Bilisummaa Oromoo duguuggaa sanyii Oromoo irratti waraana murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraa murnichaan tumsamaniin raawwacha jiru mormuun diddaan uummataa akka finiinuun labsa uggura gabaa fi geejjibaa baasee jira. Labsa guyya kaleessaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon waamamee guyyaa har’aa Muddee 12, 2022 jalqabee hojiirra oolu kana irratti uggura gabaa fi geejjibaa dabalatee hojii dhaabuu fi hiriira mormii geggeessuun murna bilxiginnaa irraa jibbiinsa uummatni Oromoo agarsiisuu fi diddaa jabeessuun murnicha laamsheessuu hanga dhabamsiisutti akka hojjetamu akeeka.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummatni Oromoo biyya isaa irratti mirga dhabee dhiitamee buluu irra darbee mana keessatti gubachaa fi mormi irraa muramaa jiraachuu kaasuun qeerroon warraaqsa torbee darbe bifa haaraan eegalee jabeessuun humna bilisumma falmatu jabeessuu akka qabamu addeessa. Xumura irrattis tokkummaan uummatni Oromoo barattoota isaa waliin dhaabbachuu akka qabu kaasuun warraaqsa geggeeffamu kan tarsiimoon masakamee fi wal dhageettii qabuu akkasumas sirna buqqisuu irratti kan xiyyeeffate qaba jechuun labsicha keessatti kan ife yoo ta’u dhaaddalee ba’an carraa argameen dhageessisaa fi hanga koreen qindeessituu Warraaqsa Oromiyaa baa baraarruu kun labsa kana kaasutti of eeggannoon diddaan sirnicha irratti itti fufuu qaba jechuun labsichi ibsa.
