Godina Booranaa magaalaa Mooyyaalee keessatti waraanni murna bilxiginnaa dargaggoota 2 rasaasaan rukutuun madeessan.
ONM – ABO – Muddee 12, 2022 Murni afaan qawween ilmaan ajjeesaa fi madeessaa sodaachisee bulchuuf sabootaa fi mootummoota ollaa daboo waammatee hojjechaa jiru bilxiginnaa waraana isaa namoota nagaatti bobbaasuun rasaasaan waadaa jira.
Kaleessa galgala Muddee 11, 2022 kibba Oromiyaa godina Booranaa Magaalaa Mooyyalee bakka Mataa Kuwaanjaa jedhamuuti waraanni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo lama badii tokko malee rasaasaan rukuchuuun madeessanii jiru. Dargaggootni Oromoo yakka tokko malee rasaasa waraana koloneel Abiy Ahimediin rukutaman kun tokko maqaan isaa Shukrii Aadanii kan jedhamuu yoo ta’u isaa biraa ammoo ammoo maqaa isaa hin arganne. Murni Oromoo cabsuuf humnaa fi qabeenya impaayerattii akkasumas maallaqa deggersaa fi kadhaan argatan cufa ramaduun hojjechaa jiraatus uummatni Oromoo tokkummaa isaa yoo jabeeffatee diddaa isaa itti fufe sirna faashistii kanatti xumura ni godha jechuun jiraattootni magaalaa Mooyyaalee waan arganitti gadduun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

